Oromoo Protests

Oromoo Protests Oromummaan koo Sabboonummaakoot.

06/08/2021

Addis Ababa 🇪🇹

02/08/2021

Intalli Abbaa Gadaa;sanyiin gootaa dorgommii Oloompikii Tookyoo irratti Meedaaliyaa Warqee 3 argachuuf karoora qabattee gara Japan Tokyo deemte.Isa keessaa tokko guyyaa har'aa milkeessiteetti.Meetira 5000n 1ffaa baatee Meedaaliyaa Warqee argatteetti.Lamatu ishee hafa.Waaqni ishee haa milkeessu

17/07/2021

❤ድሮም ከልቤ እወዳሃለው !! አሁን ግን የተናገርከውና እየሆነ ያለውን ነገር ሳይ ይበልጥ ባንተ ተደነቅኩኝ ።
➭እንደሌሎቹ አውርጄህ እንደ ጠንቋይ ትንቢት ምናምን አልልህም። በቃ አንተ አርቀህ ማየት የሚትች የዘመናችን ምርጡ ፖለትከኛ ነህ!!
➭ሰላሟን ቃሊቲ አስራ ሠላም ፍለጋ የሚትደክመው ሀገሬ ግን አሳዘነችኝ 🙏

11/07/2021

Firrii Filannoo Argameen Shaneef Shantamee Baleesaa Tokkuma Oromoo Jabeesaa!!

Oromummaan koo Sabboonummaakoot.

05/07/2021

Oromummaan koo Sabboonummaakoot.

03/05/2021

Oduu Ammee:
Manni jireenyaa H/D ABO, Obbo Daawud Ibsaa waraana mootummaatiin cabsamuufi naannichatti dhukaasni qawwee dhaga'amuu maddi OMN hime...
Galgala kana waraanni mootummaa toora mana jireenyaa Obbo Daawid Ibsaa marsuun, naannoo sanarra sochiin kamuu akka hin taasifamneef jiraattota ittisuu isaanii namni OMN dubbise himee jira.

Qondaala adda biliisummaa Oromoo biyya keessaa kan ta'e namni OMNiif yaada kenne, sodaa addaa akka hin qabne dubbatee waan nutti dhufu hunda dandeenyee kaayyoo Biliisummaa Oromoof aarsaa kaffaluuf har'a miti dur of qopheessine jechuun sodaa akka hin qabbe dubbata.

Erga har'a guyyaatii Obbo Daawid Ibsaa akka quba hin qabne kan himu qondaalli kun, haalli amma toora mana isaanii jiru ulfaata ta'usaa odeeffannoo bilbilaan argateen quba akka qabu hima.

Waraanni bakka sana buufate hedduu ta'uufi meeshaalee gurguddaafi Konkolaataan waraanaatiin naannoon sun marfamuu hima. Yeroo ammaa kanatti manni jireenyaa Obbo Daawid waraana mootummaatiin cabsamee itti ol seenamee jiraachuu kan himu namni kun, isa dura dhukaasni dhaga'amaa akka tures dubbata.

Halkan kana waan dhalachuu malu hin beeknu kan jedhu namni kun, erga manni cabee hooda bilbilli nama mana sana keessa jiran hundaa cufaa ta'uusaa dubbatee uummatni haala naannoo sana dammaqinaan akka hordofu dhaamee jira qondaalli Adda Biliisummaa Oromoo kun.

Obbo Daawid Ibsaa fi namoonni mana isaanii keessa jiran gara alaatti akka gad hin baane erga taasifamanii ji'a tokko caaluuf akka adeemu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Obbo Daawid Ibsaa dabalatee namoonni kan biroo mana sana keessa jiran bilbilli isaanii cufaa waan ta'eef, yaalii OMN isaan argachuuf taasise hin milkoofne.

Address

Oromia-Ethiopia
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromoo Protests posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share