Lensa Abera

Lensa Abera Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Lensa Abera, Baby & children's clothing store, Addis Ababa.

26/04/2024
😘
31/10/2023

😘

31/01/2022

Maraatuu haqaa – 2
—
Maraatuu naan jettee?
Mukaan na horfitee
Anatti kolfitee?
Eyyee, ani maraatuudha
Isa qullaa buuse
Akka waraabessaa
Isa guyyaa yuuse
Isa haafa baatu
Isa haafa nyaatu
Ajaa’aa xuraa’aa
Fakkeenya iyyeessaa
Gumgumaa akka bubbee
Jooraa akka qilleensaa
Kan miyaawaa hin beekne
Nyaataa baalaafi hiddaa
Eyyee ani maraatuudha
Maal abbaa kee fidda?!
—
Gaafan haafa baadhe
Gaafan haafa nyaadhe
Na gaafattee beektaa
Maaf akkan maraadhe?
Daaraa keessa ciisee
Daaraa fakkaachuun koo
Waa si dhibee beekaa
Waa’een maraachuu koo?

Akka cilee gogaa
Akka isa gubatee
Haqa Oromootu – haqa saba kootu
Sammuu koo fudhate…
Dhiigni nu cobuutu
Firris nu sobuutu
Laalannee cabuutu
Gaafannee dhabuutu…
Na ciniinee kokkee
Boqonnaa na dhorke!

Abjuu isan ulfaa’e
Nan miixadha hin deenye
Guddaa saba kootu
Galma yaade hin geenye…
Karaafi daandii kootti
Gobaa naaf qaranii
Akkan hin namoomne
Yoo na danqarani…
Inni ani ifaaf abdadhe
Dukkana yoo fide
Godoon boo’ichaallee balbala saba koorraa
Diigamuu yoo dide
Onneen na kulkultee
Utuun ba’aa baadhuu
Maaf maraatte jettaa
Maafan hin maraadhu?
—
Yandoo rooba jedhee
Utuun bokkaa eeguu
Coba tokko dhabee
Tiifuullee yoon deegu
Akkuma kaleessaa
Maqaan naaf mogga’ee
Yoon biyya abbaa kootti
Akka alagaa ta’e…
Gumaa qeerroo dhabee – gumaa qarree dhabee
Utuun ‘irmii’ nyaadhuu
Maaf maraatte jettaa
Maafan hin maraadhu?!

27/01/2022

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Lensa Abera posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share