09/09/2023
WANTOOTA KUDHAN MAATIIN DAA'IMMAN/IJOOLLEE WALIIN GOCHUU HIN QABNE.
============================================
1. Itti Iyyuu/lallabuu (screaming)
Daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuun/lallabuun madaa (goddaannisa) sammuu fi miiraa yeroo dheeraa taheef kan saaxiluu fi reebicha caalaa akka hamaa tahetti amanu hayyootni tokko tokko.
Daa'imman yeroo itti iyyan sirni narvii isaanii deebii kennuu waan dhaabuuf sammuun isaanii waan itti iyyamuuf san fudhachuu dhaaba. Kuni immoo daranuu itti dabalanii akka iyyan nama godhus sammuu daa'immanii caalatti hadoochaa adeema.
Haaluma kanaan daa'imni itti iyyamaa guddate rakkoo xinsammuu fi dhibee sammuu kan akka dallansuu baay'isuu, ofitti amanamummaa dhabuu, mukuu, dhiphinaa fi rakkoo haala namoomaa (personality disorders) garagaraatif saaxilamuu danda'a. Kanaafuu daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuu irraa of qusachuun yoo tasa itti iyyine tahes of tasgabbeessun sossobanii dhiifama gaafachuun barbaachisaadha. Dhiifama gaafachuun miira itti dhagahamerraa fayyisuun cinatti dogoggora uumame sirreessuun akka danda'amuu fi itti gaafatamummaa kan barsiisuudha.
2. Komachuu/quba itti qabuu (blaming)
Komatuun hariiroo ni laaffisa, ofitti amanamummaa gadi buusa, ijoolleen yeroo waan badaa hin hojjennellee ittisa irratti akka argaman kakaasa. Anas b. Maalik, yeroo sana daa’ima waggaa 10 ture, akkana jedhe: “Ani waggaa sagal Rasuula صلى الله عليه وسلم tajaajileera waa’ee waanan hojjedhe, maaliif akkas akkan godhe, ykn waa’ee waan ani hin hojjenne, ati maaliif hin goone jedhee hin beeku. ” Yeroo mucaa keessaniif yeroo dubbattu wanti afaan keessan bahu qeeqa, komachuu fi ajaja qofa ta'ee fi faaruu, jechoota jaalalaa, jaalala ykn bashannana baay'ee xiqqaa ta'e yoo jiraate akka warraatti nama isaan barbaadan osoo hin taane mucaa isaaniif madda gadhee taata jaalala ykn deeggarsa argachuuf gara koottaa.
3. Ajaja baay'isuu (nonstop order)
Osoo hin amansiisin, osoo hin barsiisin ykn fakkeenyummaan itti hin agarsiisin ajaja itti baay'is