30/06/2025
''Manni Murtii Aadaa dhugaa abbaa dhugaaf galcha malee murtii hin murteessu'' -Obbo Guyyoo Waariyoo
Kallacha Oromiyaa: Waxabajjii 23, 2017- Manni Murtii Aadaa dhugaa abbaa dhugaaf galcha malee murtii hin murteessu jedhan Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo
Obbo Guyyoon kana kan jedhan marii Gumii Balal marsaa 43ffaa mata duree "Haqa Waloof Mana Murtii Aadaa" jedhuun Jimaata darbe geggeeffamerratti yoo ta'u safuu, aadaafi duudhaa qabnu qorachuu, barreessuufi beeksisuun dirqama dhaloota har'aa ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa uummanni keenya akka of ta'uuf aadaafi duudhaa isaa ganamaatti deebi'uu akka qabu murtee seena qabeessa labsiin deeggaree murteesseen Mana Murtii Aadaa hundeessuun rakkoo hawaasa keenyaaf fala waaraa ta'uu ibsuun, uummanni keenya aadaafi duudhaa gabbataa sirna Gadaa keessaa madde qaama seera baasu, seera tumuufi seera raawwachiisu uummata qabaachaa har'a ga'e ta'uu himaniiru.
Manni Murtii Aadaa murtii murteessa osoo hin taane dhugaa abbaa dhugaaf kan galchu ta'uu ibsuun mirga namoomaa kan eeguufi beellama gabaabaa keessatti fala kan kennu ta'uu ibsaniiru.
Munni Murtii Idilee garuu ragaa ga'aafi falmii irratti hundaa'ee murtee kan kennu ta'uu ibsuun yoo xiqqaate beellama sadi kennee himata dhiyaate ilaalee kan murteessu yoo ta'u Manni Murtii Aadaa garuu karaa safuu, aadaafi duudhaa sabichaan yeroo gabaabaa keessatti beellama tokko malee dhugaa abbaa dhugaaf kan galchu ta'uu himaniiru.
Seerri laafaaf ba'e jabaa kan hin hanqanne ta'uu kaasuun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa murtii seena qabeessa murteesse kana lafa qabsiisuuf deeggarsaafi hordoffii barbaachisu taasisaa jiraachuu isaaf galateeffataniiru.