25/04/2026
Ce'umsi Qonnaa Bu'uura Guddina Diinagdee Amansiisaati.
Qonna aadaa irraa gara qonna ammayyaatti ceesisuu, oomisha dabaluu, galii guddisuu, nyaatarra darbee gabaaf oolchuu danda'uu fi oomisha qonnaa galtee Induustirii taasisuu, qonna keenya teknoolojii fi beekumsa gara fayyadamuutti ceesisuun hojii xiyyeeffannaanhojjetamaajirudha.
Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo sosochii Qonna Gannaa bara 2018/2019 Aanaa Dugdaa fi Booraatti kilaastara akka milkeessutti eegalchiisanii jiru.