13/10/2025
Bokkuu- Ulee Ulfoo, Mallattoo Aangoo
Jechi fi yaad-rimeen ābokkuuā jedhu waan lama of-keessatti qabata: meeshaa ulfoo Oromoo fi sadarkaa (eegduu) aangoo Sirna Gadaa (Mohammed Hassen, The Oromo of Ethiopia (A History, 1570-I860), 1990: 15). Kanaafuu, yaadeen lamaan kana addaan baasuuf kaāumsa yaadichi itti dubbatame ykn barreeffame (context) addaan baafachuun barbaachisaa dha.
Akka hiika isa jalqabaatti Bokkuunulee abbaa aangoo biqiltoota addaarraa qophaaāudha. Garuu akka ulee ykn muka biraa salphaa miti; ulee ulfoo Abbaan Gadaa qabatu dha. Namni bokkuu qabatu, kanaafuu, aangoo qabaachuusaa ibsa jechuu dha. Hawwaasicha birattis kabaja addaa ni qaba; maatiin isaa hundis āWarra Bokkuuā jedhamuun kabajamu (Asmerom Legesse, Oromo Democracy: An indigenous African political system, 2006: 104).
Ulee Abbaa Gadaa (Bokkuu) kana namtichi seenaa Oromoo barreessuun beekamu tokko (De Salviac, M) ulee afāyaaāii Ingilizootaan (āspeaker of the English parliamentā) fakkeesseera (The Oromo: An ancient people of great African nation, 2005 [1901]): 216).
Gama biraan ammoo Bokkuun sadarkaa aangoo isa olāaanaa agarsiisa. Akka Sirna Gadaatti Bokkuun jaarmiyaa Mootummaa olāaanaa fi araaraati. Kanaafuu, Abbaan Bokkuu gaggeessitoota Gadaa biratti kabaja fi ulfina guddaa qaba; kan Gadaa dursu isa waan taāeef. Aangoon kunis dhalootaan maati angafa taāe keessa kan argamudha. Gaggeessitoota Sirna Gadaa keessatti beekaman keessaas namni bokkuu qabatee āAbbaa Bokkuuā jedhamu gaggeessaa isa olāaanaa dha. Kanaafuu, āAbbaa Bokkuuā jechuun āPirezidaantii Sirna Gadaaā jechuu dha.