08/06/2022
Nama cimaa ta'i
Namni cimaan yeroo hunda cimina namaa dhugaa ba'a, fakkeenya godhata; namni dadhabaan garuu yeroo hunda dogoggora xiqqoo namarra barbaaduufi dadhabina namaa haasa’uun yeroo isaa guba.
namanaa! Waa'ee namaa haasa’uun jireenyakee keessaa daqiiqaa tokko gubuu irra waa'eekee sekoondii tokko yaaduutu bu'aa siif qaba.'' K.M
Iddoon ati har'a jirtu,bakka ati booru itti argamtu miti.
Guyyaan hundumtuu carraa guddaafi Sadarkaa guddina koo kan dabalanidha jedhii yaadi. Kisaaraa yaadaa keessa hin seenin. Salphina akka ulfinaatti hin fudhatiin. Hin yaadda'iin;dukkanni kee har'aa itti hin fufuuti. Namoonni abdii si kutachiisan baay'ee tahuu danda'u. Ati garuu yoomillee ofii keetiif ilaalcha gaarii qabaadhu. Harka hin kennin. Ija hin laafiin hunda hin sodaatiin.
Gadda boodatti si deebisu keessa hin seeniin. Nama boorii akka taate hin dagatiin. Guyyaan borii ulfina baatee si eegaa jira. Ati nama abdii kutatee lafa har'a jirutti hafuu hin dandeenye akka taate hubadhu. Baga addunyaan nama akka keetii qabaatte. Si malee addunyaan guutuu miti. Hir'inni kee addunyaa kana baay'ee boodatti hambisa. Iddoon ati har'a jirtu, bakka ati bor itti argamtu miti.
Kitaaba G/P Miratuu Shaanqoo(Siif Galeeraa ?)