11/10/2022
DHUKKUBA TIRUU/DHUKKUBA SIMBIRAA-- "Dhukkuba simbiraa" jedhamuun beekkama.
Kan Tiruu miidhuu fi madeessu maali yoo jenne- kanneen armaan gadiiti:
1.Vaayirasii Tiruu/Hepatitis Virus/
2.Alkoolii baay'isanii dhuguu
3.Qorichoota Tiruu miidhan humnaa ol fudhachuu fi summii dhuguu ykn liqimsuu
4.Ummamaan qaamni isaanii keessatti summii Tiruu isanii midhuu namootni oomoishanis jiru/Autoimmune hepatitis/
Mallattoo Dhukkubicha maalfa'i?
Dhukkuba Tiruu bifa 2'n ilaaluu dandeenya:
🙏Dhukkuba Tiruu Battalaa/Acute Hepatitis/- kun mallattoo dhukkubaa yeroo gabaabdudhaaf qofa mul'isee ofumaan badu kan danda'uudha.
Mallattoolee mull'achuu danda'an:
🤝Halluun ijaa fi gogaa qaamaa gara keellootti jijjiiramuu
🤝Fincaan bifaan gurracha'uu
🤝Garmalee nama dadhabsuu
🤝Nyaata jibbisiisuu
🤝Balaqqamsiisuu
🤝Gara-kaasaa
🤝Garaa dhukkubbii
🤝Jismii/foon/ keessa nama nyaachuu
🤝Ulfaatinni qaamaa sababa tokko malee hir'achuu
🤝Dhagna gubsiisuus danda'a fi
kanneen birooti.
Tiruu miidhamtee turte deebitee of haaromsitee hojii isheetti yoo deebite mallattoolee kun ni badu
🙏Dhukkuba Tiruu tut-ture/Chronic Hepatitis/kun jalqaba yogguu tiruun keenya miidhamtu mallattoo tokkoyyuu osoo hin agarsiisne cal jedhee Tiruun keenya adadumaan miidhamaa adeemtee yogguu sadarkaa cimaarra geesse mallattoo kan mull'isuudha: mallattoolee armaan olii dabalatee kanneen armaan gadii agarsiisuu danda'a:
🤝balqama ykn boba'a dhiigaan wal make.
🤝garaa dhiitessuu, miilas dhiitessuu danda'a.
🤝hafuura kutaa
🤝bitaa namatti galuu/confusion/
Akkamiin Ofirraa ittisna?
1. Vaayirasii Tiruutiin akka hin qabamne of eeguu. Talaallii Ogeessota Fayyaa hundaaf kennuunis egalameera. Hawaasni kunis haalli itti argatu jiraachuu danda'a.
2. Alkoolii baay'isuu dhiisuu. Dhiirri qaruura lamaa ol, dubartii tokko ol dhuguu hin qaban guyyaatti.
3. Qoricha kamuu ajaja fi akkaata ajaja ogeessa fayyaatiin qofa fudhachuu. summii fi nyaata summa'e irraa of eeguu.
4. Namoota mallattoolee armaan olii irratti mulla'ate dhiiga isaanii fi dhangala'aa qaama isaanii keessaa bahu tuquu irraa of qusachuu. Namoota akkasii gara mana Yaalatti fudhachuu rakkoo isaa baruus barbaachisa.