24/12/2025
Daa'imni beela'ee yoo daabboo hate eenyutu itti gaafatama?
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Mucaa umuriinsaa 13tu daabboo hatee utuu miliquuf fiiguu ennasuma waardiyaan mana daabboo sanaa ariyee erga to’ateen poolisii magaalichaatti dabarsee kenne. Guyyaa itti aanutti poolisiin mucaa daabboo hate kana mana murtiitti dhiyeesse.
Abbaan murtiis himata abbaa alangaa erga dhaggeeffatee booda mucaa yakkamaa jedhamee dhiyaateef gaaffiiwwan armaan gadii dhiyeesse.
Abbaa murtii "Daabboo hattee turtee?"
Mucaaa “eeyyen” jedhe leeyyoon itti dhagahamaa
Abbaa murtii “Maaliif?”
Mucaa “Na barchisekaa!”
Abbaa murtii “Bituu hin dandeessu turee?”
Mucaa “ Qarshii hin qabun ture”
Abbaa murtii “ Maatii kee irraa hin fudhattu turee?”
Mucaa “Haadha koo qofatu jira. Isheenis dhukkubsattee ciistee jirti”
Abbaa murtii “ hojii hoomaa hin qabduu?”
Mucaa “ Konkolaataa miiccuudhaanin jiraadha, guyyaa tokko hafee jennaan hojiirraa na ariyatani”
Abbaa murtii “ namootni biro akka si gargaaraniif hin gaafannee?”
Mucaa “ ganamaan bahee, namoota 50 bira deemee kadhadhus garuu hoomaa hin arganne. Dhumarrattis murtoo fokkisaa kanan murteesse ”
Erga gaaffiin xumuramee booda abbaan murtii murtoo armaan gadii dabarse.
Akkas jechuun jalqabe "Daabboo hatuun, keesumaammoo daa’imni beela’e daabboo hatuun yakka nama qaanessudha. Kanaafuu, ana dabalatee hundi keenya yakka kanaaf itti gafatamna. Namootni galma mana murtii kana keessa jirtanu hunduu itti gaafatamtu. Kanaafuu namni dhadacha kanarratti argame hundatti qarshii 1000 murteesseera. Namni kamuu hanga kaffalutti to’annoo seeraa jala tura” Abbaan murtichaa erga ofii qarshii 1000 waraqaa irratti mallatteesseen booda namootni dhaddacharratti argaman sun akka guutaniif waraqaa itti kenne.
Murtoo dabalataa kan biraas akkas jedhuun itti dabale. “Dabalataanis manni daabboo sun daa’ima beela’e dabarsee pooliitti waan kenneef qarshii kuma 20 akka adabamu murtoo dabarsuun saatii 24 keessatti qarshii jedhame kana yoo hin kaffalle manni daabbichaa akka saamsam