Burtuk abatamam lalo

Burtuk abatamam lalo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Burtuk abatamam lalo, Baby & children's clothing store, Dimtu, Jimma.

31/03/2026

๐Š๐€๐‹๐€๐๐€๐€๐…๐ˆ ๐€๐‘๐ˆ๐ˆ๐“๐ˆ๐ˆ: ๐“๐€๐‘๐’๐ˆ๐ˆ๐Œ๐Ž๐Ž ๐‚๐„โ€™๐”๐”๐Œ๐’๐€ ๐Œ๐€๐‘๐€๐€๐Œ๐Œ๐€๐‘๐“๐Ž๐Ž ๐‚๐€๐€๐’๐€๐–๐€๐€

Kutaa tokkoffaa keessatti, โ€œCabiinsa Sirnaaโ€ barootaaf nulaamshesseefi madda cabiinsichaa gadi-fageenyaan xiinxaluun keenya niyaadatama. Sirni siyaas-dinagdeefi hawaasummaa jaarraalee lakkoofsisan keessatti caaseffame, dandeettii of-haaromsuu dhabee ture. Dhukkubni caasawaa akkasii suphaa yerootiin ykn qoricha haara-galfii (painkillers)โ€™tiin hinfayyu. Cabiinsi buโ€™uuraa, waldhaansa buโ€™uuraa (radical intervention) gaafata.

Gaaffiin ijoon harโ€™a fuuldura keenya jiru: โ€œmaraammartoo jaanjessaa kana cabsinee baโ€™uun, imala utaalchoo (leapfrogging) keessa galuun nidandaโ€™amaa?โ€ kan jedhudha. Mootummaan Idaโ€™amuu gaaffii kanaaf deebii tarsiimaโ€™aa lama nuuf kaaโ€™a: ๐Š๐€๐‹๐€๐๐€ yaada haaraa irratti hundaaโ€™eefi ๐€๐‘๐ˆ๐ˆ๐“๐ˆ๐ˆ jijjiirama utaalchoo fiduuf nudandeessisu.

1. ๐‚๐š๐›๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐๐ž๐ž๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐š๐š: ๐๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐˜๐š๐š๐๐š๐š ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ ๐จ๐จ๐ฆ๐ฌ๐ฎ๐ฎ
Biyyi keenya dimimmisa hubannoofi ๐’„๐’‚๐’ƒ๐’Š๐’Š๐’๐’”๐’‚ ๐’”๐’Š๐’“๐’๐’‚ ๐’ƒ๐’†๐’†๐’Œ๐’–๐’Ž๐’”๐’‚๐’‚ (epistemological break) keessa turte. Rakkoo hubannoo moofaatiin uumame, deebisnee hubannoo moofaa sanaan furuun goonkumaa hindandaโ€™amu. Yaadamni Idaโ€™amuu fooyyaโ€™iinsa sirna moofaa dabalaa deemuu (incremental change) miti; sirna beekumsaa moofarraa (an epistemological break from the past) adda bahuudha. Kunis beekumsa keenya kaleessaa tuffachuu osoo hintaane sirna beekumsa kaleessaa jijjiiruun (epistemic shift) gaarii isaa xiinxallee, dadhabina isaa ammoo kalaqa haaraan hiiknee gara carraatti jijjiiruudha.

Waggoota dheeraaf, biyyi keenya gidduugala morkii yaadamota ilaanyaa ergifataa (ideological dumping ground) turte. Yaadamoonni Bahaafi Lixaa irraa ergifataman, umama hawaasummaa, dinagdeefi seenaa keenyaa malee kan nurratti feโ€™amaan turan. Kanarraa kan kaโ€™e, dhalonni keenya rakkoo mataa isaa hiikuu mannaa, yaadama ilaanyaa ummata biroo irratti walfalmuufi walwaraanuun baroota qisaasessera.

Yaadamni Idaโ€™amuu, kiyyoo โ€œyaadama ergisaaโ€ dhaloota walficcisiisu sana ofirraa ciruun, sirna beekumsaa haaraa kalaqaan masakame diriirsuu irratti hundaaโ€™a. Kun imala ๐๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐˜๐š๐š๐๐š๐š (๐ˆ๐ง๐ญ๐ž๐ฅ๐ฅ๐ž๐œ๐ญ๐ฎ๐š๐ฅ ๐’๐จ๐ฏ๐ž๐ซ๐ž๐ข๐ ๐ง๐ญ๐ฒ)โ€™ti. Fudhatamummaan yaada tokkoo maqeeffama (labels) osoo hintaane, raawwatamummaa (pragmatism) haala ummata keenyaa geeddaru qabaachuu isaa irratti hundaaโ€™a.

2. ๐”๐ญ๐š๐š๐ฅ๐œ๐ก๐จ๐จ (๐‹๐ž๐š๐ฉ๐Ÿ๐ซ๐จ๐ ๐ ๐ข๐ง๐ ): ๐๐š๐ซ๐Ÿ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐‚๐š๐ซ๐ซ๐š๐š๐๐ก๐š๐š?
Addunyaa teknoolojiifi saayinsiin fulduratti rurubutu keessatti, suuta deemanii dhaqqabuun waan yaadamuu miti. Yaadamni Idaโ€™amuu, โ€œbarfachuun hundi baโ€™aa miti; carraallee nitaโ€™aโ€ jedhee amana. Sababiin isaas, dogoggoroota biyyoonni duursan raawwatan keessa osoo hinseenin, teknoolojiiwwan ammayyaa (AI, Precision Agriculture, Digital Economy, Digital Service) fayyadamnee kallattiin gara qarooma dhaloota shanaffaatti utaaluu (Leapfrog) waan nudandeessisuufi.

Qonna keenya gateettii qotiyyoorraa gara qonna ammayyaatti, dinagdee keenya tajaajila harkifataarraa gara dinagdee dijiitaalatti, akkasumas industirii keenya hirkattummaa galtee alaa irraa gara walitti hidhamiinsa caasawaa keessootti ceesisuuf ๐€๐ซ๐ข๐ข๐ญ๐ข๐ข hirkattummaa cabsu nugaafata. Saffisni (speed) qofti gaโ€™aa miti; ๐€๐ซ๐ข๐ข๐ญ๐ข๐ข (๐ฏ๐ž๐ฅ๐จ๐œ๐ข๐ญ๐ฒ) kallattii sirriifi xiyyeeffannoo tarsiimaโ€™aa qabutu nubarbaachisa.

3. ๐–๐š๐ฅ๐ฌ๐ข๐ฆ๐š ๐‚๐š๐š๐ฌ๐š๐ฐ๐š๐š (๐’๐ญ๐ซ๐ฎ๐œ๐ญ๐ฎ๐ซ๐š๐ฅ ๐€๐ฅ๐ข๐ ๐ง๐ฆ๐ž๐ง๐ญ)
Cabiinsi sirnaa numuudate walsima dhabuu caasaa olaanaa (siyaasaa/dhaabbilee)โ€™fi buโ€™uura dinagdee gidduutti umame irraa madda. Mootummaan Idaโ€™amuu โ€œcaasaa gargaaraaโ€ (supportive architecture) diriirsuudhaan dinagdeen keenya akka rurubutu taasisuu kaayyeffata. Kunis, mootummaa toโ€™atoo qofa osoo hintaane, ๐Œ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐ƒ๐š๐ง๐๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ฌ๐š๐š uumuudhaan ifa. Dameen dhuunfaa akka mootora dinagdeetti, dargaggoonni keenya akka madda kalaqaatti, qonnaan bulaan keenya ammoo akka utubaa indastiriitti caasaa walsime keessatti akka qindaaโ€™an taasisuuf dhaabbata.

4. ๐–๐š๐š๐๐š๐š ๐’๐ž๐ž๐ง๐š๐š: ๐†๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐‡๐จ๐ ๐ ๐š๐ง๐ฌ๐š๐š
Cabiinsa sirnaa baroota dheeraaf ture hiikuu dhabuun hiree haqa-qabeessa ummanni keenya wareegama olaanaan goonfate kana qisaasessuudha. Kun ammoo cabiinsa sirnaa ture hammeessuu cinaatti hoggansa kanaaf bullukkoo qaaniifi abaarsa bara baraati. Dhimmamtoonni ummataa, keessumaa hoggansi Mootummaa Idaโ€™amuu, dhodhommoqqii tokko malee sochoโ€™ee ๐–๐š๐š๐๐š๐š ๐’๐ž๐ž๐ง๐š๐š dhalootaaf gale galmaan gahuu qaba.

Gama birootiin, cichinee yooqabannne, yeroo kurnee lamaa sadii hincaalle keessatti maatii hunda biratti badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuun nidandaโ€™ama.

๐†๐จ๐จ๐ฅ๐š๐›๐š:
Hoggansi keenya muldhataafi gaโ€™uumsa Mootummaa Idaโ€™amuu egeree ummataafi biyya keenyaa shorooru qabatee tarkaanfii jalqabe cimsee ittifufuu qaba. Cabiinsa sirnaafi maraammartoo hiyyummaa Kalaqaafi Ariitii kanaan diignee, dhaloota birmadummaa yaadaafi dinagdee qabu ijaaruun waadaa hinreeqqifnedha.
Kutaa ittaanuun, caasaa siyaas-dinagdee ligdaa'aa kana diignee, ijaarsa haaraa eegalle fiixan baasuu keessatti carraalee qabnuufi gufuulee irraa of-qusachuun barbaachisu gadi-fageenyaan kan ilaallu taโ€™a.

31/03/2026
Industiriin xixiqqaan dachaa nadhiiKeessa dhabame tokko hin jiruIndustiriin ammayyaawaatti Jijjiiramuu qaba tureโœ๏ธ
10/01/2026

Industiriin xixiqqaan dachaa nadhii
Keessa dhabame tokko hin jiru
Industiriin ammayyaawaatti
Jijjiiramuu qaba tureโœ๏ธ

Address

Dimtu
Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Burtuk abatamam lalo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share