Jeettii Seenaa Gammadaa Mo'ii

Jeettii Seenaa Gammadaa Mo'ii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jeettii Seenaa Gammadaa Mo'ii, Women's clothes shop, 0903065116, Nekemte.

GEGGEESSA ( LEADER)
Geggeessaan garaa hordoftoonni deemuu fedhanitti geessa.
~ geggeessaan guddaan garuu hordoftoonni sun deemuu hin barbaadan yoo ta'e iyyuu , bakkaa isaan deemani faayidaa argachuu danda'anitt

๐Ÿ–คโœจ ๐——๐—›๐—จ๐—š๐—”๐—” ๐—™๐—œ ๐—›๐—จ๐—•๐—”๐—ก๐—ก๐—ข๐—ข ๐—ก๐—”๐— ๐—”๐—” โœจ๐Ÿ–คโ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”๐Ÿ’ฌ โ€œ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š๐ง ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š๐š ๐ฐ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ง ๐จ๐ฌ๐จ๐จ ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š๐š๐ง๐ž, ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ฐ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ง ๐๐ฎ๐›๐›๐š๐ญ๐š๐ง ๐ช๐š๐›๐...
11/04/2026

๐Ÿ–คโœจ ๐——๐—›๐—จ๐—š๐—”๐—” ๐—™๐—œ ๐—›๐—จ๐—•๐—”๐—ก๐—ก๐—ข๐—ข ๐—ก๐—”๐— ๐—”๐—” โœจ๐Ÿ–ค
โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”
๐Ÿ’ฌ โ€œ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š๐ง ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š๐š ๐ฐ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ง ๐จ๐ฌ๐จ๐จ ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š๐š๐ง๐ž, ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ฐ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ง ๐๐ฎ๐›๐›๐š๐ญ๐š๐ง ๐ช๐š๐›๐๐ข.โ€!!

๐ŸŒฟ Dhugaan wanta sirrii fi dhugaa taโ€™e taโ€™us, yeroo baayโ€™ee namni hundi wal fakkaatee hin hubatu. Namni tokko waan tokko akka dhugaatti fudhatu, kan biraa immoo shakkii qabaachuu dandaโ€™a.
๐Ÿ’ญ Kunis garaagarummaa:-
โœ”๏ธ Hubannoo
โœ”๏ธ Muuxannoo jireenyaa
โœ”๏ธ Aadaa
โœ”๏ธ Barnoota irratti hundaaโ€™a.

๐Ÿ” Namoonni baayโ€™een wanta argan, dhagaโ€™an ykn keessa darban irratti hundaaโ€™uun murtii kennu.
๐Š๐š๐ง๐š๐š๐Ÿ:-
๐Ÿ‘‰ Wanti tokko nama tokkoof ifa taโ€™ee mulโ€™atu!
๐Ÿ‘‰ Nama biraatiif immoo dukkana fakkaachuu dandaโ€™a!
โš ๏ธ Kun yeroo hedduu:-
โ— Falmii
โ— Wal hubachuu dhabuu
โ— Walitti buโ€™iinsa fida.
๐ŸŒŸ ๐†๐š๐ซ๐ฎ๐ฎโ€ฆ.....
Dhugaan hin dhabamu โ€”> ni jira!
Garuu hubannaan isaa nama irraa gara namaatti garaagarummaa qaba.
๐Ÿค ๐Š๐š๐ง๐š๐š๐Ÿ:
โœ”๏ธ Nama biraa hubachuuf yeroo fudhadhu
โœ”๏ธ Ariifachuun murtii hin kenniin
โœ”๏ธ Yaada namoota biroo kabaji
๐Ÿ’ก Kun karaa nagaa, wal hubannaa fi jaalala dhugaa uuma.
โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ€ขโ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”
โœ๏ธ By Jeettii Seenaa Gammadaa mo'ii

JIJJIIRAMNI GOCHAAN DEEGGARAMUU QABA !!=====โ€ขโ€ขโ€ขโ€ข======                JIJJIIRAMA!!โœ“ Nama gatii warqee kanfaletu Warqee a...
03/04/2026

JIJJIIRAMNI GOCHAAN DEEGGARAMUU QABA !!
=====โ€ขโ€ขโ€ขโ€ข======
JIJJIIRAMA!!
โœ“ Nama gatii warqee kanfaletu Warqee argata.

โœ“ Jijjiiramni qabxii jalqabaati malee kan xumuraa miti.

โœ“ Waan yeroo dargagguummaa hin hojjenne yeroo dullummaa hojjetta.

โœ“ Dafqi bara dargagguummaa hin buune, bara dullummaa imimmaan ta'a.

โœ“ Jijjiiramni ofirraa eegala, waan xixiqqaa irraa eegala, amma eegala. Kanaaf jijjiiramuuf bellama hin qabatin.

โœ“ Namoonni dargagguummaa isaanitti hin fayyadamne, yeroo eegamuu qabanitti waardiyaa ta'anii waajjira eegu.

โœ“ Namni amma hojjete yeroo dullummaa ni eegama. Garuu namni amma hin hojenne yeroo dullummaa suuqii fi waajjira eega.

โœ“ Change starts from yourself, from small things, from now.

โœ“ Jijjiiramni gochaan deeggaramuu qaba. Adeemsi jijjiiramaa ammoo dhukkubbii qaba.

โœ“ Repetition is the mother of skill. Consistency is the mother of success.

โœ“ Change before change.
If you don't change yourself, change will change you!!

Yoo ati dursitee hin jijjiiramne, Jijjiiramni si jijjiira. Kan inni si jijjiiru garuu gaarummaatti osoo hin taane, gadadootti.

โœ“ Jijjiiramaaf of qopheessi, ykn dursii jijjiirami.

==============

=๐Ÿ•ฐ๐Ÿ•ฐ๐Ÿ•ฐYEROO๐Ÿ•ฐ๐Ÿ•ฐ๐Ÿ•ฐ=๐ŸŽคGatii Waggaan tokko qabu beekuu yoo barbaadde barataa kutaa tokko keessa deebi'e gaafadhu๐ŸŽค Gatii ji'a tokk...
29/03/2026

=๐Ÿ•ฐ๐Ÿ•ฐ๐Ÿ•ฐYEROO๐Ÿ•ฐ๐Ÿ•ฐ๐Ÿ•ฐ=
๐ŸŽคGatii Waggaan tokko qabu beekuu yoo barbaadde barataa kutaa tokko keessa deebi'e gaafadhu

๐ŸŽค Gatii ji'a tokkoo beekuu yoo barbaadde dubartii daa'ima ishee ji'a malee deesse gaafadhu

๐ŸŽค Gatii Torban tokkoo beekuu yoo barbaadde mana maxxansaa torban torbaniin gaazexaa maxxansu gaafadhu

๐ŸŽคGatii Guyyaa tokkoo beekuu yoo barbaadde barataa waan baay'ee murteessaa ta'e tokkoof Qorumsa qoramee bu'aa isaa guyyaa borii dhaga'uuf eegaa jiru gaafadhu

๐ŸŽค Gatii sa'atii tokkoo beekuu yoo barbaadde jaalalleewwan reef wal jaallatanii wal arguuf beellamatanii wal eegaa jiran gaafadhu

๐ŸŽค Gatii daqiiqaa tokkoo beekuu yoo barbaadde Nama autobisiin xiqqumaaf Jala darbe gaafadhu

๐ŸŽค Gatii seekoondii tokkoo beekuu yoo barbaadde xiqqumaaf nama Balaa hamaa jalaa miliqe gaafadhu.

๐ŸŽค Gatii Miilii-Sekoondii tokkoo beekuu yoo barbaadde Fiigicha Olompikii irratti xiqqumaaf atileetii durfame gaafadhu

Yeroo = Jireenya!
Kanaafuu Yerookee yeroo Qisaasessitu jireenyakee Qisaasessita! Yerookee sirnaan yeroo fayyadamtu immoo jireenyakee seeraa fi sirnaan gaggeessita.

=====โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข=====
By Jeettii Seenaa Gammada Mo'ii

NAMAA WAJJIN JIRAACHUUF AMALOOTA TORBAN KANA QABAADHUโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข1: Naamusa Gaarii Qabaachuu  2...
28/03/2026

NAMAA WAJJIN JIRAACHUUF AMALOOTA TORBAN KANA QABAADHU
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

1: Naamusa Gaarii Qabaachuu
2: Shakkii Irraa Bilisa Tahuu
3: Rakkina uumuu Irraa Of Qusachuu
4: Hamilee Guddaa Qabaachuu
5: Obsa Amala Godhachuu
6: Dandeettii Gaarii Namaa Wajjin Walii Galuu Qabaachuu
7: Haalaa fi Amala Bareedaan Nama Simachuu
~
โ€ข Uuman akkuma Fuula Keenya adda adda godhee nu uumetti amala keenyaas garaa Gara godhee nu uume. Namaa Wajjiin jiraachuun kabajaa fi naamusaatu barbaachisa, akka ati feetu qofa osoo hin ta'in akki ati jibbituus uumama danda'a, uumamu akka malu tilmaamu yoo keessummeessun Dirqama.
~
โ€ข Yeroo namaa wajjiin jiraatu dirqaman amala kee humnaan Nama fudhachiisuu osoo hin taane amala nama biraatiis beekuuf tattaaffii godhi, yoo amalli isaa siin adda ta'e hin aarin, amala isaa kaaniis hubadhuuf.
~
โ€ข Kiyya qofaatu ta'a jedhani goggoguun hin barbaachisu, Yaada kee gurguruuf tattaffadhu Yoo Nama sirraa bituu dhabde ammoo yaada kee San fooyyeessuuf tattaafadhu malee maalif narraa fudhachuu diddan jettee hin aarin.
~
Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.
====================
By Jeettii Seenaa Gammada Mo'ii

GOLATTI GALTE SEENAA DHUGAA โ™ฆโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ™ฆโ–  Namicha tokkotu ture. Gaaftokko osoo karaa deemaa jiruu maangoo baay'ee bar...
28/03/2026

GOLATTI GALTE SEENAA DHUGAA
โ™ฆโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ™ฆ
โ–  Namicha tokkotu ture. Gaaftokko osoo karaa deemaa jiruu maangoo baay'ee bareedduu tokko argee. itti siqees kutate, baay'ees isatti toltee, nyaachuufis baay'ee gojomma'e.

โ–  Garuu waan tokko yaadate, haadha manaa isaa baay'ee jaallatuuf fuudhee galuu barbaadee, fuudheefis gale. Haati manaa isaas akkuma galeen nyaata baay'ee mi'aa ta'e dhiheessitee "taa'itii nyaadhu! "jetteen. Innis battaluma sana harka isaa kiisitti kaa'ee maangoo sana baasee "waan kana siifan fide nyaadhu" Ittiin jedheen.

โ–  Isheen gammaddee harkaa fudhatte. Golatti galtee gaggaragalchitee ilaalte.
Achumaan mucaa ishee baay'ee jaalattu tokko yaadatte mucichaafis kennuu yaadde. mucaa isheetiifis geessitee kennite.

โ–  Mucichis baay'ee gammadee harkaa fudhatee yommuu ilaalu
isattis baay'ee bareede.
Mucichis geessee abbaa isaatiif kenne. Abbaanis baay'ee ajaa'ibsiifate. Harkaa fuudhee iddoo sadiitti kutee. Hundumti isaanii nyaatanii gammadan.

โ–  Jaalala jechuun nama harkaa fudhachuu osoo hin taane waliif kennuunis ni hogganama. Gammachuun, gammachuu nama harkaa fudhachuu duwwaa osoo hin taane namaaf kennuudhas.

โžพ Kennaan ati jaalalaan kennite, siifis jaalalaan siif dhufa.

โžพ Barri keessan kan jaalalaan ife isinif haa ta'u!
=====================
By Jeettii Seenaa Gammada Mo'ii

WAAโ€™EE   (LEADER) AKKAMIIN AKKA TAโ€™U SIRRIITTI TARREESSITE! ๐Ÿ‘==============Mee akka hubannoo balโ€™aa fi hiika cimsuuf, ta...
15/03/2026

WAAโ€™EE (LEADER) AKKAMIIN AKKA TAโ€™U SIRRIITTI TARREESSITE! ๐Ÿ‘
==============
Mee akka hubannoo balโ€™aa fi hiika cimsuuf, tarree kee kana balโ€™inaan haa ibsuu:

๐Ÿ”ง (LEADER) EENYU?

1. LEENJISAADHA (COACH):
Namoota waliin hojjetu leenjisuun, dandeettii isaanii guddisaa, carraa akka itti fayyadamaniif gargaara.

2. GORSAADHA (ADVISOR):
Yeroo rakkoo ykn murtee barbaachisu keessatti gorsa cimaa kenna, namoota gara filannoo sirriitti qajeelcha.

3. BARSIISAADHA (TEACHER):
Beekumsa fi muuxannoo isaa qooduun, miseensota garee isaa barsiisa, akka hubannoo argatan taasisa.

4. DEEGGARSAAFI HORDOFFII KAN TAASISUUDHA (SUPERVISOR):
Hojii garee isaa hordofa, deeggarsa barbaachisaa kenna; garuu humnaan osoo hin taane, gorsaan qajeelcha.

5. HAMMATAADHA (INCLUSIVE):
Namoota hundaa walqixa ilaalcha, hiika โ€œnutiโ€ jedhu jabeessa โ€” tokko tokko qofaa miti, hundi hirmaata.

6. QAJEELCHAADHA (GUIDER):
Karaa ifaa fi galma qabate agarsiisa; hordoftoota isaatiif daandii tokkummaa fi milkaaโ€™ina kaaโ€™a.

7. DOGONGORA SIRREESSA MALEE DOGONGORA HIN HORDOFU (NOT FAULT FINDER):
Dogongora namaaf hin barbaadu, garuu yeroo dogongori uumamu sirreessuu fi akka barnootaatti ilaala.

8. TARSIIMAโ€™AADHA (STRATEGIST):
Kaayyoo fi galma ifa taโ€™e qaba; karoora fi tarsiimoo cimaa diriirsa, rakkoo dura dhaabbata.

9. SIโ€™AATAADHA (VERY ACTIVE):
Yeroo hunda sochii cimaa qaba, hojii irratti ofii duraa fakkeenya taโ€™a.

10. JIJJIIRAMAADHA (FLEXIBLE):
Haala jijjiiramaa keessa of qopheessa; haala haaraan yoo dhufe, of sirreessa, sirna haaraa ni simata.

[ ] GABAABUMATTI:
Hogganaan nama hunda of keessatti hammatuu, fakkeenya gaarii taโ€™ee, nama biroo kakaasuu dandaโ€™uudha.
Hoggantummaan aangoo miti โ€” tajaajila, qajeelcha, fi fakkeenya gaarii dha. ๐ŸŒŸ

==============

 # ILAALCHI JIJJIIRAMA NI FIDA.===========Wantoota armaan gadii keessaa gammachuu kee irratti dhiibbaa guddaa kan geessi...
14/03/2026

# ILAALCHI JIJJIIRAMA NI FIDA.
===========
Wantoota armaan gadii keessaa gammachuu kee irratti dhiibbaa guddaa kan geessisu isaa kam sitti fakkaata ?

1. Haala keessa jirtu
2. Uumama kee
3. Ilaalcha kee

Tokko tokko '' haalan keessa jiru dha '' jedhu ta'a. Wantoota armaan gadii utuu qabaatanii gammachuu qabaachuu akka danda'an yaadu ta'a.

1. Qarshii baay'ee
2. Gaa'ela gaarii
3. Fayyaa guutuu

Haa ta'u malee haala keessa jirruu fi ummama keenya Caalaa ilaalcha keenyatu gammaachuu keenya irratti dhibbaa geessisa. Kun ta'uun isaa immoo gaarii dha. MAALIIF ? Haala kee fi uummama kee guutummaatti to'achuu kan hin dandeenye ta'us ilaalchaa kee to'achuu waan dandeessuufi dha.

โˆ†. Ilaalchii kee jijjiirama ni fidaa.
โˆ†. Ilaalchii kee gaalman si gahaa.
โˆ†. Ilaalchii kee Abdii si kutachisa.
โˆ†. Ilaalchii kee cimiina kee mulisaa.
โˆ†. Ilaalchii kee dadhabii kee mulisa
โˆ†. Ilaalchii kee milka'ina kee mulisa

Akka qorannoon jedhuuti bu'uraa namooni itti fayyadaman bakka lamatti qoodamani ilaalamu. Isaaniis .

1. Ilaalchaa dhaabbataa
2. Ilaalchaa guddatu jedhamuu

ยฉ ILAALCHA JIJJIIRAME
(TRANSFORMED MIND)
=============================
Jireenya jijjiirame argu dura ilaalcha jijjiiramee arguun dirqama filaannoo hin qabneedha.

Dizaayinii bareedaa osoo hin bociin gamoo bareedaa ijaaruuf yaaduun abjuu abjuu ta'ee hafuudha malee waan qabatamaa miti.

Ilaalchi bareedaan jireenya bareedaaf nama kaadhima.

ยฉ Amantii kam illee tarii yoo hordofuu batee waaqni jiraachuu isaa hin shakkiin.

ยฉ Sa'aatti tokkoof xiyyeefannoon hojii tokko hojjeechuun , sa'aatti kudhaniif xiyyeefannoo malee hojjechuu caala.

@ Yeroo tokkoon wanta guddaa fi baay'ee hojjetanii dhiisuu irraa xiqqaattuullee yeroo hunda itti fufanii hojjechuutu caala.
Itti fufiinsaan hojjechuu keessa milkaa'inaa fi gammachuutu jira.

@ Fedhii cimaan wabta tokko hojjechuu nufii fi duukkana jireenyaa namarraa oofa, balbala carraa bana , hojii qulqulluu akka qabaatu taasisa.
Kanaafuu waan hojjennuu tokkoof fedhii qabaachuun gammachuu namaaf kenna.

@ Namni amanamummaa qabu nama balbalii milkaa'inaa fi gammachuu banameefidha.

ยฎ Yeroo hunda sammuun kee waa'ee maraatuu yaada yoo ta'e dhumarraa maraachuun kee hin oluu.

โˆš Rakkoon guddaa adunyaa tanaa namoota siyaasaas ta'ee kan Amantti ilaalcha kootu sirriidha kanaan ani argee fi dhaga'etu sirriidha warraa jedhaniidha .
Inni kun immoo maddaa rakkoo adunyaa keenyaa har'a ta'e jira.

โˆ† ilaalcha jal'aa darbee ilaalee boo'uu osoon hin taane ilaalcha qajeela qabannee dhaloota qajeeloo akka oomishnun jedha.

โˆšโˆš Haala hunda keessatti diinaa kee wajjiin jiraachuu bari. Amma jibbitee ajjeessuu dandeessa garuu Yeroo dhihoon booda diini kee sun utubaa jabaa cimsee si dhaabuuf si barbaachisuu ta'uu ni barta.

~ Diini hundii diina mitti. Gariin isaani callisaniituma ati gootu godhuu waan hin dandeenyeef hinaafaniitumaa diina siif ta'an.

= Diinumaan ilmaa nama kan uummamaa osoon taane amala of jaalatummaa ilmi namaa uumamaan qabu irraa kan dhufee waan ta'eef ilmaa namaa hundaa jaallannee of jaallatummaa diinummaa fakkaatu jaallalaan haa moo'annu.

==============

HUMNA SAMMUU KEETII BEEKI!(The Mind is POWERFUL)==============   Dandeettii! Ajaa'ibaa!โœชMee itti yaadi! Jireenya kee kee...
08/03/2026

HUMNA SAMMUU KEETII BEEKI!
(The Mind is POWERFUL)
==============
Dandeettii! Ajaa'ibaa!

โœชMee itti yaadi! Jireenya kee keessatti balbala meeqatu cufaa sitti fakkaatee garuu mitii? Humna ajaa'ibsiisaa sammuun kee qabutti fayyadami.Wanti ati hojjechuu hin dandeenye tokkollee hin jiru.

โœช Sammuun kee baay'ee cimaa ta'ee qabeenya sitti kenname yoo ta'u, Akka ta'utti itti fayyadamuun si irraa eegama. Sammuu keetti maaltu dhaga'ama?

Hojjechuu hin dandeessu, Dandeettiin kee gahaa miti,Humna hin qabdu,Kana caalaa adeemuu hin dandeessu siin jechaa jira taanaan dursii jechoota akkasii of keessaa balleessi.

โœช Balballi cufamaan tokkichi si fuuldura jiru, yoo ati Sammuu ofii keetti cufte qofa. Balballi barbaaddu ni banama wanti ati gochuu qabdu tokkichi... Itti adeemuudha!

Sammuu Cimaan Jireenya Dinqiif !

โœ๏ธโœ๏ธ========โœ๏ธโœ๏ธ
By Jeettii Seenaa Gammadaa MO II
PJ Jeettii Seenaa Gammadaa MO II

MURANNOO FI CICHOOMINA (COMMITMENT AND DETERMINATION)=====โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข=====Murannoo fi Cichoomina Goota keessa inni hangafaa k...
02/03/2026

MURANNOO FI CICHOOMINA (COMMITMENT AND DETERMINATION)
=====โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข=====
Murannoo fi Cichoomina Goota keessa inni hangafaa karoora isaa jijjiiru caala lubbu isaa kennuu filata.

Gootni kaayyoo haqaa qabate tokko, โ€œkaayyoo koo gurguree ykn jijjiiree lubbuu koo nan oolchaโ€ hin jedhu. Inumaa, โ€œkaayyoon koo akka jiraatuuf lubbuun koo wareegamuun kabaja dhaโ€ jedhee amana.

Kaayyoon Lubbuu Olitti (Goal Above Life)
Goota tokkoof, jireenyi kaayyoo malee hiika hin qabu.
Jireenyi garbummaa, tuffii, fi cunqursaa keessatti dabarsan jireenya osoo hin taane jiraa duสผuudha.
Kanaaf, gootni bilisummaa saba isaatiif murteesse, karaan tokkichi inni itti jireenya hiika qabu jiraatu kaayyoo sanaaf amanamuudha. Kaayyoo isaa jijjiiruun akka waan saba isaa ganetti lakkaaโ€™a.

(Martyrdom)
Seenaa qabsoo keessatti, wareegama goota tokkoon qabsoon sun hin dhaabbatu; inumaa akka Bishaan burquutti itti dabalama.
Gootni yeroo lubbuu isaa kaayyoo isaatiif kennu, dhaloota haaraa kumaatamaan kaakasa.
Wareegamni Elemoo Qilxuu, Maammoo Mazammir fi jaallan hedduu qabsoo Oromoo laaffisuu osoo hin taane, Dhaloota Keessatti xiiqii guddaa uumee qabsoo kana hardhaan gaโ€™e.

Gootni โ€œkaroora isaa jijjiireeโ€ harka kennachuu irra kufaatii gootummaa kufee seenaa keessatti jiraachuu filata.

==============
By Jeettii Seenaa Gammadaa Mo'ii
PJ Jeettii Seenaa Gammadaa mo'ii

Address

0903065116
Nekemte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jeettii Seenaa Gammadaa Mo'ii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share