23/01/2026
Harannaa Bulluq, Magaalaa Hangaatuu
====
Aanaan Harannaa Bulluq aanota godina Baalee keessaa tokko yoo taatu, bara 1998 akka lakkoofsa Itoophiyaatti kan hundeeffamteedha.
Harannaa Bulluq Finffinnee irraa fageenya km 548 irratti kan argamtu yoo taatu, magaalaa Roobee irraa ammoo fageenya km 144 irratti kallattii kibba lixaatiin kan argamtuudha.
Aanaan Harannaa Bulluq aanaa seenaa, aadaa fi qabeenya uumamaatiin aanaa badhaatee ta'uu bulchaan aanichaa Obbo Ibraahim Hasan himaniiru.
Bosonni Harannaa, Fincaa'aan Shaawweefi Xaballi Furmee iddoowwan hawwata tuurizimii aanichi qabu keessaa muraasa ta'uus kaasan.
Biyyee gabbataa oomisha Bunaa dabalatee inisheetiviiwwan qonnaa galii argamsiisan roobaafi jallisiin oomishuuf haala mijataa kan qabduudhas jedhan.
Misoomaafi guddinni aanichaa qaama mootummaa qofaan hin milkaa’u kan jedhan Obbo Ibraahim, hirmaannaan uummataa, dargaggootaa, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee dhuunfaa murteessaa ta'uu eeruun aanicha waliin taanee haa misoomsinu ergaa jedhus dabarsaniiru.
Magaalaan aanaa Harannaa Bulluq Hangaatuu jedhamti. Magaalattiin bara 1998 qaama seerummaa kan argatte yoo taatu, ummatni kuma 21 olitti tilmaamamu keessa kan jiraatu akka ta'es bulchaan ganda magaalaa Hangaatuu Obbo Huseen Hasan himaniiru.
Magaalattiin oomisha kuduraafi muduraatiif haala mijataa qabdu, giddugala daldalaa, biiznasiifi tuurizimii ta'uus eeran.
Hangaatuun magaalaa daandii guddina irratti argamtuufi magaalaa boruuf abdii guddaa qabduudhas jedhan.
Abbootiin qabeenyaa magaalichatti invast gochuun guddina magaalaatiif waliin haa hojjannu ergaa jedhus Obbo Huseen dabarsaniiru.