Dhangaa Jaalalaa

Dhangaa Jaalalaa Dhugaan Jaalalaa yoo si biituu baatte
si mataa kee
Jaalalti dhugaa si hin bittu OK

Jaalalli iddoo hunda jira😅Waancaa Addunyaa 2026 irratti🫶🏾
17/06/2026

Jaalalli iddoo hunda jira😅
Waancaa Addunyaa 2026 irratti🫶🏾

World cup came with many surprises 😍😍
17/06/2026

World cup came with many surprises 😍😍

Kan dhiira keenya kolaasteKan dhiiga keenya lolaasteKan rarraastee nu garafteKan haqa keenya sharafteSin eebbisu sin aba...
18/04/2026

Kan dhiira keenya kolaaste
Kan dhiiga keenya lolaaste
Kan rarraastee nu garafte
Kan haqa keenya sharafte
Sin eebbisu sin abaara
Daalachaahi akka daaraa
~
Saba nagaa goolessitee
Kan taliila booressite
Nu tuffachuurra darbitee
Mirga keenya kan sarbite
Baqii cophi akka cabbii
Sittaa jigu tulluuf tabbi
~
Gochaan jirre lafaa fuutee
Qeerroof qarree morma huutee
Kan gogaa irraa quncaaste
Kan qeensa irraa buqqaaste
Affeelami akka shuummoo
Aadaa hafi akka huummoo
~
Mana hiyyeessa meeqaa gubdee
Bara dheeraa kan nu hubde
Lafaa jalatti nu hiitee
Afaan qawween kan nu miite
Sihaa nyaatu dhibeen golfaa
Ta'ii hafi nama kolfaa
~
Saba bal'aa yartuu gootee
Akka waatii kan nu hoote
Diineffattee qeerroof qarree
Kan dhidhiitte akka harree
Galaanni sihaa liqimsu
Dacheetti sihaa dhidhimsu
~
Fira jettee nutti lixxee
Dhalataa keenya kan fixxe
Shira xaxxee nutti dirtee
Kutaaf lagaan kan nu hirte
Mataan lixi bishaan boollaa
Boo'ichakee sirbaa oolla

Post Share naaf godhaa

 !▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▣Abbaa manaa fi haadha manaatu yaada tokkorratti wal lolu. Ergasii utuu dhiifama waliif hin godhiin kutaa ...
16/03/2026

!
▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰
▣Abbaa manaa fi haadha manaatu yaada tokkorratti wal lolu. Ergasii utuu dhiifama waliif hin godhiin kutaa ciisichaa seenu. Lamaan isaaniyyuu eenyu dursee akka dhiifama gaafatu wal eegan.

▣ Borumtaa abbaan manaa lafa hojiitti Wal gahii qaba ture. duraan haadha manaatu 'yeroon sitti gahee ka'i' jedhee hirriiibaa dammaksa. Amma garuu Wal mufatan.

▣Kanaaf abbaan manaa 'boru Wal gahiin qabaa saa'atii 11: 00 tti na kaasi'' jechuu barbaade.
Garuu dursee itti dubbachuu hin barbaadne.
Kanaaf waraqaa irratti boru wal gahiin qabaati saatii 11: 00 tti na kaasi'' jedhee barreessee siree irra kallatti isheen ciistuun kaa'e.

▣Ganama abbaan manaa hirriiibaa yoo ka'u saa'atiin 3:00 ta'eera.
Innis baay'ee aaree, of cina yoo ilaalu waraqaa arge. Yoo dubbisuu "saatii 11: 00 ta'eera ka'i'' jedha. Innis "osoo galgala itti dubbadhe ta'e" maal qaba?'' jedhee gaabbiin of waxalee.

▣ Kana gidduutti waahilli ( hiriyaan waajjira tokko keessa wajjin hojjetan) bilbila haadha manaa isaa irratti bilbilee " Tolaan jedhama, bilbilli abbaa manaakee hin hojjetu, har'a wal gahii irraa maaliif hafe? xumura wal gahichaa irratti durgoo fi carraa torbee tokkoof biyya faransaay deemanii maatii waliin bashannanuu akka qabu amma nutti himani, carraan sii fi abbaa manaa kee darbuun hin qabu turee" jedheen .

▣Ishiiniis baay'ee aartee, "osoon dursee itti dubbadheera ta'ee carraan kun nun darbu ture" jettee gaabbiin quba of nyaachuutti kaate.

◈Asirratti waantti hubatamu
▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱
Bara jiraattu keessatti 'DHIIFAMAAF' garaa bal'aa qabaachuun gaabbii hin darbine hambisa. Boqonnaa sammuu namaaf kenna. Kanaaf har'uma, nama itti gadditeef dursii dhiifama godhiif. Maaltu beeka sababa jibba kanaa eebbi siduraa qabame jira ta'a.

Via: Sanyi gudeta

✉️ Gorsi Dawaa Sammuuti✓ Gorsa namni si garsu hin tuffatin bakka itti si fayyadu qaba.✓Anatu beekaa hin baay'isiin kan s...
02/03/2026

✉️ Gorsi Dawaa Sammuuti

✓ Gorsa namni si garsu hin tuffatin bakka itti si fayyadu qaba.
✓Anatu beekaa hin baay'isiin kan si caalaa beeku jira.
✓ Hiyyeessa hin tuffatin boru isatu nama ta'a.
✓ Lolaaf hin ariifatin, miidhamuu dandeessa.
✓ Karaa hin beekne irra hin adeemin.
✓ Nama hammeenya kee haasa'u hin jibbin, boru isumatu gaarummaa kee haasa'a.
✓ Kan koo qofti haa caalu hin jedhin, nama si dhaggeefatu dhabda.
✓ Seenaa hin dagatin, dhalootaaf dabarsita
✓ Beeka jettee hin taa'in, waan atii hin beekiin baay'eetu jira.
✓ Balleessuuf hin fiigin, kan si balleessuutti baata.
✓ Sirriidha jettee waanuma hunda hin haasa'in dogoggora qabaachuu mala.
✓ Abdii hin kutatin turullee siif dabarti!
✓ Jal'ina namatti hin yaadiin, jal'aa taatee hafta.
✓ Hojii hin tuffatin, hiyyoomtee haftaa.
✓ Qabeenyaan hin booniin bor ni dhumaa.
✓ Namni ati jaallattu yoo dugda sitti gale daftee hammeenya isaa hin haasa'in, yoo walitti deebitan gaabbita.
✓ Waan na jalaa calliseef na jibbe hin jedhin, tarii haalli inni keessa jiru gaarii miti ta'uu mala! Waan dubbiftaniif galanni keessan
* Bakka bu'ee hin banne
* Bakka kufee hin cabne
* Bakka hattuun hin hanne
* Bakka shamee hin tortorre isiniif kaa'ee jira. Isin like fi share react fi comment dhaan na jajjabeessaa...
Galatoomaa 🙏

Haadha manaa amaloota armaan gadii qabdu argachuun carroomuudha👇🏽1. Haadha manaa yeroo ati bakka hojii keetiitii galtu, ...
22/02/2026

Haadha manaa amaloota armaan gadii qabdu argachuun carroomuudha👇🏽

1. Haadha manaa yeroo ati bakka hojii keetiitii galtu, akka nama utuu sin argiin yeroo dheeraa tureetti hammattee si dubbistu.😚

2. Haadha manaa yeroo ati keessummaa fuutee manatti galtu, fuula ifaadhaan gammaddee simattu🥰

3. Kan yeroo ati dadhabdee utuu hin kadhatin raftu, harka ishee mataa keerra keessee siif kadhattu😔

4. Haadha manaa akka carraa walitti buutanii ykn wal loltanii, daqiiqaa tokko booda sin jaalladha jettee garaa si raastu😢

5. Haadha manaa yeroo qarshiin sirka jiru si jaallaattee, gaafa ati dhabdus sin jibbine😕

6. Haadha manaa yeroo ati qarshii kuma 3 itti laattu gammaddee, yeroo ati qarshii dhibba 3 itti laattu hin aarre😤

7. Haadha manaa qabeenya irratti hunduuftee sin jaallanne.👐🏽

8. Haadha manaa nama hamachuu hin beekne🥱

9. Haadha manaa yeroo ati uffata ykn kophee bituufii suuqii wajjiin deemtu, kan filaannoo hin baay'isne.🤦🏽‍♂️

10. Haadha manaa waaqayyoon sodaattu🥰

11 Haadha manaa hiyyeessotaaf garaa laaftu

12 Haadha manaa ogeettii

13 Haadha manaa maatii kootiif maatii ishee ija tokkon ilaaltu

14 Haadha manaa safuu Ummataa beektu

Qondaalli Biltsiginnaa intala waliin ciise bade!Miseensi Caffee Oromiyaa fi Qondaalli PP osoo sagaggaaluu qabame Caffeen...
16/02/2026

Qondaalli Biltsiginnaa intala waliin ciise bade!

Miseensi Caffee Oromiyaa fi Qondaalli PP osoo sagaggaaluu qabame Caffeen mirga himatamuu dhabuu isaa kaase. Qondaalli PP osoo waan blgee dalaguu videon isaa baate kun badeera.

Dhimma kanarratt murtee caffee Oromiyaa fi intala inni waliin ciise videon👇
Ilaaluu warri barbaaddan Lakk 1 godhaa kana godhaa fedhii keessan ilaallee isiniif maxxansinaa

  jaalalaa...................................Abidda jaalalaa narratti qabsiifteeQaama koo guggubde summii natti biifteeS...
16/09/2025

jaalalaa...................................
Abidda jaalalaa narratti qabsiiftee
Qaama koo guggubde summii natti biiftee
Sin jaaladhe jennaan ittan yaada jette
Osoon siif maraadhu calliftee na Laaltee
~~~~~~
Jaalala kee titu onnee koo tarsaasee
Hiddoota dhiiga koo garagar mancaase
Boombii niwukileeraa narraatti harcaase
Dhiigakot makamee summitti facaase
~~~~~~~~
Halkan abjuu keessa yaadanan watwaadha
Si qofan jaaladhe kanaafan maraadha
Halkanii fi guyyaa yoom aaran galfadha
Ta'uus,deemuus,ciisus eessaa nan boqodha
~~~~~~~~~
Imimmaan lolaase boo'eesoo naa game
Keessi koo gubatee ciinca'ee waadame
Sammuu fi qaamnikoo jaalalaan nyaatame
Mee warrii waa beektan itti naaf yaadaamee
~~~~~~~~~
Harka bitaaf mirgaa garaakeet olkaasee
Harka sit kennadhe imimmaan lolaasee
Jilbeeffadheen jira garaakoo rooraasee
Furmaata naaf laadhuu sit onneekoo raasee
____***____
♥️♥️🔥🔥♥️

Address

Central
Addis Ababa

Telephone

09550457

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhangaa Jaalalaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dhangaa Jaalalaa:

Share