Oro Alhamdulillaah

01/08/2024

Naannoo Oromiyaatti qabxiin qormaata Kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa bara 2016 ifoome
-
Naannoo Oromiyaatti Qabxiin qormaata barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 har'a ifoomeera.

Barattootni kutaa 8ffaa fi 6ffaa qabxii isaanii karaa Kompitara ykn bilbila isaanii irraa 'Link' asii gaditti kenname keessa galuun fuula 'Home Result' jedhu argattu.
Fuula kanarratti bakka lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun dhumarratti 'check result' kan jedhu tuquun qabxii keessan beekuu ni dandeessu.
Kutaa 6ffaaf
https://oromia6.ministry.et/
Dabalataanis; telegraamii irratti .
- 'start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
- itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan beekuu dandeessu.

Kutaa 8ffaaf
Liinkiin asii gaditti kenname kan qabxii kutaa 8ffaa ittiin ilaalludha.
https://oromia.ministry.et/
Dabalataan, Telegraamii irratti
- start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
- itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan beekuu dandeessu.
:
Barataan Komii Qabu Yoo Jiraate; Liinkii asii gaditti kenname keessa galuun komiisaa dhiheeffachuu ni danda'a.
Komiinis kan dhihaatu danda'u har'a irraa eegalee 10 keessatti qofa ta'a.
Kutaa 6ffaaf https://oromia6.ministry.et/ #/complaint
yoo ta'u,
Kutaa 8ffaaf immoo https://oromia.ministry.et/ #/complaint
fuula 'form' irratti gosa barnootaa komii irratti dhiheeffattan filachuun iyyannoo dhiheeffachuu ni dandeessu.
Hubachiisa: Dursitanii App. VPA cufuu qabdu.

Qabxii darbiinsaa
Kutaa 8ffaa
dubartii 50%fi ol yoo ta'u,
horsiisee bulaatiif
dhiiraaf 48% , dubartiif 45%fi ol
# Qaama miidhamtootaaf immoo,
dhiiraaf 45% , dubartiif 42 % fi ol ta'ee murtaa'eera.

Qabxii Manneen Barnootaa Bultii Addaa Galchanis fuulduratti kan ibsamu ta'a.

IyyaaffannooObboleeysi kiyya kun maqaan isaa Burqaa Jamaal Ammee jedhama. Inniis iddoo jireenya isaa Araddaa Gobbee Caal...
05/07/2023

Iyyaaffannoo
Obboleeysi kiyya kun maqaan isaa Burqaa Jamaal Ammee jedhama. Inniis iddoo jireenya isaa Araddaa Gobbee Caalaa ganda Gobayaa jedhamtuu galgala salaasa jechuunis 26/10/2015 halkan sa'aa sadi fi afur jidduutti akkuma manaa baheen hanga ammaatti gara mana hin deebine. Nutiis maatiin isaa hanga ammaatti barbaacha irra jiraannullee argachuu hin dandeenye kanaafuu yaa obbooleeyyan koo namni Rabbiin obboleeysa kiyya kana garsiisee bilbilaa kanaan akka naaf bilbiltaan hadaraa isiniin jedha. Kaaniis share gochuun na gargaara.
Lakk.bilbilaa:- 0911989428

Masha Allah
09/03/2023

Masha Allah

04/11/2020

very important msg for wifes, fiances, daughters n mothers and for all womens plzzz read .

The Women of Hell Fire. Prophet
(saw) said:
"O ALi, on the night of
my ascension (Miraj)I saw
women of my ummah who were
being severily punished that I
became concerned for them and
started cyring.

1)I saw a woman who had been
hung by her breast.

2) I saw a second woman who
was eating her own flesh and fire
raged below her.

3)A third woman was hanging by
her tongue and boiling water was
being poured down her throat.

4)A fourth was bent over, her hands and feet were tied together,and snakes and scorpions were crawling all overher

5)A fifth was deaf, dumb, and blind, enclosed in a cage of fire her brain oozing out of the holes in her skull. Her body fell appart due to leprosy.

6)Another was hung by her feet,
inside and over.

7)Yet another woman's body was
being shredded to pieces by
scissors made of fire.

8)One woman had a head of a pig
and a body of a donkey and was
given several punishments.

9)Another had the face of a dog, fire was entering her body from her posterior and come out of her
mouth and the angels were
beating her with iron rods

Fatimah then inquired her father, 'Please, tell me, what did these women do(to deserve such punishment)?'

Then the Prophet Sallallaahu alayhi wa sallam said :

'Listen my dear; 1)The one who was hanging by her breast used to deny her husband, his rightful pleasure.

2)The one hanging by her feet used to go out of her house without her husband's permission.

3)The one eating her own flesh used to beautify herself and show her body to men other than her husband.

4)The one who's hands and feet were tied together and covered with snakes and scorpions never to care impurity and wasn't careful about ghusl, thus taking her prayer lightly.

5)The deaf, blind, and dumb, used to bear children through adultery but claim the children belonged to her husband.

6)The one whose body was being cut by scissors made of fire never observed hijab in front of non mahrem men.

7)The one whose body was burned and who was eating her own intestines used to provide other woman for ____.

8)The one with the face of a pig and a body of a donkey was a backbiter and a liar.

9) And those with the face of a dog and who had fire entering her behind and coming out of her face was a jealous woman.

May Allah(SWT) protect us from the punishment of the grave and the punishment of the hell fire and grant us Janaat firdaus. Ameen.

Inshaa Allaah!
01/11/2020

Inshaa Allaah!

26/10/2020

Nomoonni paaspoortii haaraa fudhachuu barbaadan ulaagaalee guutuu qaban.

1- Tajaajila kana argachuuf waraqaaleen barbaadaman:
* Waraqaa eenyummaa araddaa.
* Waraqaa ragaa dhalootaa mirkanaa'e

2- Tajaajila ariifataa (hatattamaa) kan barbaadan, kanee asii gadii keessaa tokko qabaachuu qaban.
* Waraqaa yaalaa
* Carraa barumsaatii fi carraa diivii.
* Dhaabbata hayyama qabu irraa ergaa barreeffame.
* Waraqaa hayyama jireenyaa biyya alaa.
* Ergaa afeerraa.
* Imala daldalaa ariifachiisaa (hatattamaa)
* Imala cidhaa fi taaziyaaf gaggeeffamu.

3- Kaffaltii paaspoortii haaraa:
*Kan fuula 32 qabuuf - Qr. 600
*Kan fuula 64 qabuuf -Qr. 2186

Iddoon isaa yeroo beeksifametti kan isiniin geenyu taha.

20/10/2020

HAQA JAARSAA FII JAARTII QABXIILEE 11
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Qophii: Urjii Ahmad

Jaarsi haqa qaba, Dirqama qaba.
Jaartiin haqa qabdi, dirqama qabdi.

Qaallichi wallisu "Bultiin wasaasaadha" jedhe. Wasaasaa namni tokko deemuunii hin dandahu, gamaa gamanaa qabuu feesisa.

Waan jarri lamaan waliif godhuu qaburraa:
1. Karaa Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam irratti wal jajjabeeysuu. Suni irra caalaa karaati gama hundaan.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je'e: "Irra caalaan keeysan nama akkaan gaariiti warra isaatiif, Ani irra caalaa kheeysanii warra kiyyaaf."
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam takkaa warra isaa arrabsee ykn fokkisee ykn harkaan dhawee hin beekhu.

Duuba Gaafa Isa jala deeme jarri lamaan jiruu mi'ooytuu jiraate moo hin jiraanne?!

2. Maqaa babbareedaa kaan jaalatuun kaan yaamuudha.
FKN: Bareedaa kiyya, Bareedduu tiyya, Jaalallee, hubbii, Dasii qalbii kiyyaa, maqaa walii muruu fii dheereeysuun tahus.... Waan namni sun jaalatuun wal yaamuu barbaachisa garri lamaanuu. Kuni onnee jara lamaanii kheeysatti hoggayyuu jaalala qabsiisa.

3. Wal amanuu feesisa. Bultiin shakkiin guuttamte, jaalalli isii dhumee gama mana ibiddaatti jijjiramti.
Jaartii shakkitu durumaan hin fudhiin, atis gurbaa shakkitu hin heerumin.

4. Sa'aa fii haqa walii eeguu. Internet fii kolkolee tanarrati sa'aa fixanii waliif sa'aa dhabuun waan bultii zamanaa diigaa jiru kheeysaa takka.

5. Rakkoo argamtu mana ifiitii osoo gad hin baafne ifumaaf wal mariin, haasawanii fixuu. Dubbiin ollaa fii ganda dhaqaa oltu balaa dhalti. namattis ni barti. takka jennaan fiiguun aadaa taati. suni jiruu miti!

6. Tola waliif olan irraanfatuu dhabuudha. Rakkoo xiqqoo argamtu hundaaf toltuu wajjiin dabarsan hunda irraanfatanii "Maal naaf goote?" waliin jedhanii lolaaf figuun hin barbaachisu.

Rabbiin ol tahe: "Tola isin jidduu ture hin dagatinaa" jedha.

7. Aanaa fii fira walii kabajuu, jaalachuu, gaafachuu, maxxanfachuu feesisa. Bultiin firummaan karaa itti heddummaattu malee waan namni lama waliin achi bahee aanaa fii aantii isaa firraa ittiin muruu miti.

Rahima maxxanfachuun umrii dheereeysa, riziqqii namaaf ballisa.

8. Waliin taphachuu, yeroo garii waliin gad bahanii bakka qalbiin isaanii itti gammaddu dhaqanii waliin nyaatuu, dhuguu, taphachuun jaalala dabala. Kheeysattu dubartiin waan kana haalaan jaalatan.

9. Yoo nyaata godhu beeyte guyyaa garii jaartii teetiiif nyaata beeytu san godhuuf, yoo nyaata hin beeyne guyyaa akka isiin gammachuu hin qabne shaa'ii ykn buna dhaabiif, san booda buna kee faarsaa dura kaayi.
"buna ajaaibaa siif dhaabe maarroo tiyya, naaf dhugi" kuni jaalala dabala.

10. Wal galatoomfachuu barbaachisa. Guyyaa nyaanni tole saanaa qullisanii afaan hidhatanii taa’uu, guyyaa nyaanni hammaate qofa komii ol tuuluun amala bultii fokkisu. Gaafa nyaata bareedaa, fuula bareedaa, mana bareedaatti ol galte Rabbii kee boodaan jaartii tee galatoomfachuu qabda. Gaafa jaarsi kee waan jaalattu dalage galatoomfachuu fii hojii gaarii walii dinqiisiifachuutu caala. Suni tattaaffiin gama lamaanii akka mullataa jirtu waliif mirkaneeysuudha. Komii hedduun jibbaa fiddi.

11. Filima dhadheeraa mana keeysaa dubartoonni laalaa olan sun xiqqaachuu qaba, suni balaa bultii diigaa jirtu keeysaa takka. Filima san laalanii jaarsa isaanii jibbanii kan akka filima keeysaa san fedhuun kan maraate meeqatami! Filimni sa'aa 1 deema, bultiin hanga du'an deemti, Inumaa hanga jannataati. Akkamitti waan sa'aa takka keeysatti ummanni if tottolchee faffakkeeyse bultii amata dheeraa deemtuun wal bira qabama?! Suni maraatu!

San malees yeroo waan sanitti dhumu akka malee kasaaraa! Osoo Quraana qaraate, zikrii goote, kitaaba dubbifte sawaaba guddaa Akhiiratti qabuun achitti duniyaa irratti qalbii gammachuun nuuf guuta.

20/10/2020

Magaalaa finfinneetti bulchiinsi magaalaa haarofni tokko dabalamuufi.

Walaga'ii manni maree bulchiinsi magaalaa finfinnee waggaa 8ffaa marsaa 1ffaa taasisaa jiru irratti bulchiinsi magaalaa haarofti Lammii Kuraa jedhamu mana marichaatiin ni raggaasifama jedhameera.

Bulchiinsi magaalaa haarofti yoo raggaasifame laakkofsi bulchiinsa magaalaa 11 ta'a jedhameera. Yeroo ammaa magaalaan finfinnee bulchiinsa magaalaa 10 fi Aanota 116 qabdi.

Dabalataanis manni marichaa Aadde Zarfaashawaal Nugusee Af-yaa'ii gochuun muudeera.

https://t.me/batumedia

Address

Alemaya
GOBBE

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oro posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oro:

Share

Category