Nafrob F ejeta

Nafrob F ejeta Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Nafrob F ejeta, Women's clothes shop, Oromia, Ambo.

Milkaa'ina marii Nageenyaafi Araaraaf qaamni hundi gahee isaa bahuu qaba! – Pireezidaanti Shimallis AbdiisaaAMN Ebla 16,...
24/04/2023

Milkaa'ina marii Nageenyaafi Araaraaf qaamni hundi gahee isaa bahuu qaba! – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

AMN Ebla 16, 2015:- Milkaa'ina marii Nageenyaafi Araaraaf qaamni hundi gahee isaa bahuu akka qabu Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan waamicha dhiyeessan.

Mariin Araaraa gaggeeffamuuf jiru firii gaarii akka qabaatuufi hawaasni akka boqatuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fedhii guddaa qabaachuu eeraniru.

Milkaa'ina marii nagaa kanaaf qaamni hundumtuu faayidaa hawaasa bal'aatif dursa kennuun Itti gaafatamummaa dachaa qabu akka qabu dhaamaniiru.

Hawaasni Naannoo Oromiyaa, Oromoon biyya Keessaa fi biyya Alaa, Ummanni Obbolaa hundi, namni dhuunfaa fi dhaabbileen kamuu milkaa'inaa marii kanaatif qooda isaa akka bahu waamicha dhiheessaniiru!

Waamicha fi tattaaffii walitti fufiinsaan Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Naannoo keenyatti wal waraansi fi wal ajjeessuun dhaabbatee, Rakkoon siyaasaa jiru Mariin akka furamuuf taasisaa ture deeggaruufi cimsuun, Oromiyaatti nagaa waaraa buusuuf boqonnaa nageenyaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ifatti bananiif guddiseen isaan galateeffadha!jedhan.

Nagaan hunda dursa!Waraanni haa dhaabatu, nageenya haa waaressinu!jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Address

Oromia
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nafrob F ejeta posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share