Awel Hussein

Awel Hussein Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Awel Hussein, Men's clothes shop, Dodola.

Amantaa Musliimaa keessatti waan hedduu namatti tolu keessaa.1. Namni hunduu mana amantaa yommuu dhaqe wal qixa.  Daa'im...
12/07/2025

Amantaa Musliimaa keessatti waan hedduu namatti tolu keessaa.

1. Namni hunduu mana amantaa yommuu dhaqe wal qixa. Daa'ima, guddaa, beekaa, wallaalaa, dureessa, hiyyeessa, gurraacha, adii jedhamee masjiida keessatti iddoon qophaa'u hin jiru. Hunduu wal qixxeedha. Hiyyeessi duubatti hiriiree dureessi duratti haa hiriiruu wanti jedhu hin jiru.

2. Iddoon dhoksaa abbaa amantaafis ta'ee nama kamiifuu qophaa'u hin jiru. Masjiinni kan nama hundaati. Wanti icciitii jedhamuu fi iddoo icciitii jedhamu hin jiru.

3. Balballi masjiidaa hoogganaa guddaa ta'ee, daa'ima ta'ee kan ilmi namaa hundi ittiin seenee ba'u tokkoon ala hin jiru.

4. Kutaa addaa ykn VIP jedhamu kan abbootin qabeenyaa ykn abbootin aangoo olaanaa kophaatti keessatti salaatan hin qabu. Hunduu bakkuma tokkotti salaata, rabbiin kadhata.

5. Abbaan amantaa masjiida keessatti waan kitaabni amantaa ykn qur'aanni jedhu barsiisa malee dandeettii isaa fi aangoo isaa namatti agarsiisuu hin danda'u. Abbaan amantaa akka amantaatti rabbiin kadhata malee ani akkana siif godha ykn akkana taata namaan hin jedhu .

Amantaa walqixxummaan dhugaa keessatti dhugoomu 🥰

osoo hin gahin gahuun gahuu nama dhorka;jedha namni naannoo keenya
07/07/2025

osoo hin gahin gahuun gahuu nama dhorka;jedha namni naannoo keenya

23/06/2025

حَسْبِيَ اللَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا هُوَ = عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ وَهُوَ رَبُّ الْعَرْشِ الْعَظِيمِ

San booda gaala yaabbatanii gara dhakaa gaara arafaa jala jirutti siqanii zikrii fi Du’aa’ii jabduu godhaa oolan. Hanga ...
14/06/2025

San booda gaala yaabbatanii gara dhakaa gaara arafaa jala jirutti siqanii zikrii fi Du’aa’ii jabduu godhaa oolan. Hanga aduun gadi seentutti achuma turan.

Eega aduun gadi seente,gaala fe’atanii tasgabbiin gara eddoo Muzdalifaa jedhamu qajeelanii achi qubatan.

Achitti salaata Maghribaa fi Ishaa’ii walitti qabuun achi butanii Azaana tokkoo fi Iqaamaa lamaan ishaa’irratti salaatan.

Hanga salaata subhiitti achumatti boqotanii gara Eddoo Al-Mash’arul Haram jedhamtu dhaqanii qiblatti fuula deebi’anii du’aa’ii fi zikrii eega heddummeessan booda,sirna dhakaa darbatuu isa Al-Jamratul Kubraa jedhamu dhakaa 7 takbiirtaa wajjiin darbatan.

San booda sirna qal*ma hajjii Al-Hadyi isa jedhamu raawwatan. Ergasii rifeensa mataa isaanii guututti ciratan.

Achi booda eega harramannaa hiikkatanii gara makkaa deebi’anii Xawaaf Al-Ifaadaa kan jedhamu gaggeessan booda,Salaata zuhrii salaatanii gara Minaa deebi’uun sirna dhakaa darbannaa gosa sadi qabu gaggeessuuf guyyaa sadi achi turan.
1-Al-Jamratussugraa
2-Al_Jamratul Wusxaa
3- Al-Jamratul Kubraa dha.

Eega kana sirna dhakaa darbatuu kana raawwatan booda, salaata Zuhrii salaatanii eddoo Al-Muhassan jedhamu qubatan.

Kana booda gara Masjidal Haram deebi’anii Xawaafa dhaammannaa eega godhanii baatii zulhijjaa irraa guyyaa 14 ganama eega salaata subhii salaatan gaala fe’atanii gara madiinaa qajeelan.

Eega ergamanii Hajjiin dirqama godhamte booda Hajjiin isaanii tana qofa. Hajjii jalqabaa fi xummuraati. Gaafa kana umriin isaanii waggaa 62 gara dhumaa gaheera.

Eega madiinatti galan guyyaa 81 booda gara aakiraa godaanan.
صلوات ربي وسلامه عليه Barii Birraa

Maxxansaa kankoo kana Rabbi qoftiin narraa jaalannaan anaaf gahaadha!

Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.

 ☝️👍🙏Waggaa 1435 har’aa dura, Ergamaan RABBII (صلى اللهعليهوسلمعلىنبينامحمد) Sirna Hajjii raawwatuuf madiinarraa bahanii...
14/06/2025

☝️👍🙏
Waggaa 1435 har’aa dura, Ergamaan RABBII (صلى اللهعليهوسلمعلىنبينامحمد) Sirna Hajjii raawwatuuf madiinarraa bahanii guyyaa lammaffaa yeroo bakka ‘Lahyi Al-Jamal- jedhamu kana (Kan suuraa irratti mul’atu) gahan,dhukkubbiin cinaa mataa (Bowwoo Daanaa) jedhamu isaan qabee boqonnaaf qubatan.

Achumaan ogeessa fayyaa yaamanii walakkaa mataa isaanii akka koobu (dhii*ga xurii keessaa baasu ) gochuun eega wayyaa’an imala isaanii itti fufan.

رواه البخاري ومسلم وأحمد في مسنده.

Sirna Hajjii Ergamaa RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Gabaabinaan:
____
Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) sirna Hajjii raawwatuuf Hijraa waggaa 10ffaa irratti sahaabota heddumminni isaanii kuma dhibba tokkotti dhiyaatu hiriirsuun,baatii Zul-Qi’idaa guyyaa 25 tti madiinaa irraa bahuun,eega eddoo warri madiinaa irraa sirna Hajjii niyyatu (Harramannaa) godhatu Masjida Zul-Huleyfatti goranii dhiqatanii uffata Ihraamaa uffatanii amna fagoo gara makkaa eegalan.

Fageenya karaa,hanqina bishaanii fi oowwa aduu fi gubaa lafa arabaa keessa qaxxaamuruun,eega guyyaa 10 karaa bulan, gaafa guyyaa 5 Baatii Zul-Hijjaa keessa naannoo makkaa jalatti yeroo dhiyaatan bakka Zii-Xuwaa jedhamu qubatan.

Akkasitti Km 400 tarkaanfatanii Makkaa kabajamtuu Mana RABBII guddaa dhaqqaban.

Akkuma makka gahaniin Ka’abarra Xawaafal-Quduum kan jedhamu marsaa 7faaf naanna’an (Xawaafan) .

San booda sirna (Sa’ayii) raawwatuuf Safaa fi Marwaa yeroo 7 jidduu kuskusanii booda harramannaa isaanii keessaa bahuun baatii tanarraa guyyaa 8ffaa eegan.

Gaafa guyyaa 8ffaa guyyaa At-Tarwiyaa jedhamuun beekamu gahu,gara eddoo Mina jedhamtu qajeelanii eega achi bulanii, guyyaa 9ffaa gara Arafaa qajeelan.

Akkuma arafaa gahaniin goojjoon aduu jalaa keessa taa’an eddoo Namira jedhamtutti godhamteef.
Hanga salaanni Zuhrii gahutti achi turuun,eega gorsa guddaa fi dhaamsa adda tahe ummataaf dhaamanii booda,salaata Zuhrii fi Asrii walitti qabuun zuhrii irratti salaatan.

kutaan 2ffaan itti fufaa

Mee namonni guyyaan kun isinitti fagaate kan akka kiyyaa
03/06/2025

Mee namonni guyyaan kun isinitti fagaate kan akka kiyyaa

Kopheewwan brand ta'an magaala dodolatti Gammoo walta'ii gubbaatti Gatii madaalawwan qabnee argamnaa koota bitaadha Awe ...
15/03/2024

Kopheewwan brand ta'an magaala dodolatti Gammoo walta'ii gubbaatti Gatii madaalawwan qabnee argamnaa koota bitaadha Awe fashion

14/03/2024

Address

Dodola

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Awel Hussein posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share