Ayman Ahimad

Ayman Ahimad Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ayman Ahimad, Baby & children's clothing store, Jimma.

14/04/2026
27/03/2026

Aartuun Re'ee hin horattu jedhamaa ture amma garuu Aartee re'ee horatta.
🐐🐐🐐🐐🐐🐐🐐🐐🐐🐐🐐🐐🐐🐐
Waan ajaa'ibaati! Re'een Korbeessi kun guyyaa har'aa Ethiopia 🇪🇹 Harargee lixaa Aanaa Daaroo Labuu keessatti qarshii kuma saddeetamaan (80,000)tti gurgurame jedhan.
Diyaamandiidhuma taate ja'ikaa dhiiroo!🤔

11/03/2026

▪️Ofitti Amanamummaa kee Dabaluuf wantoota sibarbaachisan!
1.Namoota Nagaa gaafachuu, jechuun koo namoota beektu qofa osoo hin taane kan hin beeknes.
2. Maal-jennuu xiqqeessuu, waa'ee namaaf dhiphachuu dhiisuu
3. Yoon sirrii ta'uu baadhe akkanan ta'a jettee yaaduu dhiisuu.
4. Ispoortii hojjechuu, ispoortiin ofitti amanamummaa keenya hedduu dabala.
5. Uffata miidhagaa fi qulqullina qabu uffachuu.
6. Akka Ogeessaatti haasa'uu, ofitti amanamummaa jechuun callisaniituma odeessuu jechuu miti.
7. Nama hunda gammachiisuu yaaluu dhiisuu.

Afaan Oromoo Press
Adabbii jalaa nu baasaa warri isin bira qaqqabe hundi shere gochuun nu gargaaraa maaloo!
Ulfaadhaa Galatoomaa Hundi keessaniyyuu🙏

11/03/2026

Hal**llaa Laalessaa Raawwatte!🚀
======
Hal**llaa kuufama boba’aa keenya irratti dhaqqabe deebii kennuuf , warshaa boba’aa, gaazii fi Zaytaa israel 🇮🇱 Hayfaatti argamu irratti xiyyeeffannaan goone milkaa’eera “
Dubbi himaa warraaqsa Iran 🇮🇷

22/02/2026

❤❤❤❤
Dhalasaa guddisuudhaaf
Asiif achi kan hiraaru
Utubaaf dagalee ta'ee
Kan galma maatii ijaaru

Ciniinnatee bu'ee ba'ee
Bu'aa ba'ii dirreef tabbaa
Maatii tokko ijaaruudhaaf
Gita hin qabu bakki Abbaa

Osoo dadhabe hin jedhin
Ka'ee barii barraaqa
Ijoolleesaa guddisuuf
Mudhii hidhatee carraaqa

Wanta sooratu dhabee
Yoo ta'ellee agabuu
ilmaansaa guddisuudhaaf
Wanta hin taane hin qabu

Aduuf qorraan waadamee
Miilasaa qullaa jooraa
Dafqasaa xuruurfachaa
Fidee maatiisaa sooraa

Haadha ijoolleesaatii
Boqonnaa teessisuuf
ilmaansaa guddifatee
Bakka ol'aanaa geessisuuf
Heddudha wixxifataa

Waa'een Abbaa jechaan oli
Oolmaasaa ibsuun ni cima
Jaalallisaa jechaan miti
Hojiif gochasaatu hima.

Abbabaa koo gaarii koo
Maalan hima raajii koo????

Akaakaa wajjin akkam jirraAmajjii/ጥር/ 26/5/2018 Jiren Abbaa Jifaar
03/02/2026

Akaakaa wajjin akkam jirra
Amajjii/ጥር/ 26/5/2018
Jiren Abbaa Jifaar

Harka fuune 🙌
02/01/2026

Harka fuune 🙌

11/12/2025

Akkam Bultan?
Ab-suuda Gurraacha(Xuqur asmuudi) gurraacha
1. Raammoo garaa keenyaaf damma waliin garaa duwwatti nyaachiftu.
2. Haphina rifeensaaf shayi waliin. .
3. Umrii malee harrii yaasuu ni qolata shayi waliin.
4. Dhibee mata-bowwuutiif dammaa waliin..
5. Dhibee kaansaariif.
6. Madaa deddeebi'a ni qoorsa damma waliin
7. Dhibee sukkaaraaf.
8. Dhibee garaa kaasaatiif.
9. Qakkeef.
10. Dhukkubbii garaa laaleessu..
11. Dhibee ija gogaa dhukubu nifura.
12. Utaalloof
13. Fooli badaa afaan keessaa nurraa ittisa.
14. Dhukkubbii maashaaf bayeessa.
15. Dhukkubbii dugdaatiif..
16. Dhukkubbii garaa walitti hacuucu.
17. Dhukkubbii ilkaaniif,
18. Infekshinii irgaaf ni tola..
19. Hooqxoo qaama.
20. Ho'insa qaama dabaluuf.
21. Dhibee himna humna nama qabuuf. .
22. Dadhabina onnee qolachuuf nigargaara.
23. Bareedina gogaa keenyaaf ni tola...
24. Kintarrotii nifoyyeessa akawama isaa daaka daaraa isaa sana jiisa jirbiin keessa galcha..

Firiin kun dhibewwaan gara garaatiif heeddu gargaara akka jiru qoronnowwan wirtuu omisha dawaa ibsaa jiru
-Akkaataan soorata isaa nyaata waliin.
-Shayi waliin
-Damma waliin.
- Buna waliin.
- Bishaan waliin

Akkamiitti nyaatamuu qaba
=Daakama isaa otoo hin bilchoofne
=Sodaa garaachi daaku dadhabuuf immoo xiqqo akawama.
=Zeeytii (cunfaa)isaa fayyadamuus ni dandeessu.

15/11/2025

Dinnicha halluu Magariisaa hin nyaatinaa!
Dinnicha/Moosee haalluun isaa magariisa ta'e nyaachuun summii "solanine" jedhamu kan fayyaa keenya miidhu waan godhatuuf nyaachuun hin gorfamu. Summiin kun, nama haqqisiisuu, baasaa namatti fiduu, garaacha miidhuufi yoo baay'inaan fudhatame hanga lubbuu dabarsuutti gahuu danda'a.
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!
Afaan Oromoo Press

15/11/2025

Tibbana Dhukkubni haaraan Naannoo kibbaa magaalaa jiinkaatti argamuu gabaafnee turre.
Sababni weerara dhibee Jinkaatti mudatee beekkamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Ministeerri Fayyaa sababni dhukkuba bifa weeraraatiin Magaalaa Jinkaatti mudatee Vaayirasii "Marburg" jedhamuun ta’uu qorannoon mirkaneessee jira. Baattuun vaayirasii tanaa ammoo gosa shimbira halkanii (Fruit Bats) kan fuduraa fi abaaboo soorattu hoggaa ta'u, gaafa namni fincaan, hancufa ykn dhangala’aa ishii keessaa bahuuf saaxilame vaayirasichi gara namatti dabra. San booda nama irraa gara namaatti, tuttuqaa dhangala’aa qaamaa of-eggannoo hin qabneen daddabra. Kanaaf Tatamsa'ina isaa ittisurratti haa xiyyeeffannu!

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ayman Ahimad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share