13/11/2023
https://www.facebook.com/61551729554852/posts/122120539286057651/?app=fbl
Paartiin Badhaadhinaa “Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuuf” kaayyeffatee hojjata!
Paartii Badhaadhinaa Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuu kaayyoo gooroo godhatee hojjataa jira. Badhaadhina yoo jennu hiikkaa dam-daneessa gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaatiin jiru jechuu dha.
Badhaadhinni diinagdee, fedhii bu’uura uummataa qixa barbaachisaa fi itti fufinsaa qabuun guutuuf guddina ariifataa, hunda galeessa ta’e galmeessisuu fi diinagdee addunyaa irratti dorgomaa ta’e ijaaruudhaan fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuu, hiyyummaafi booddetti hafummaa hir’isuu danda’uu fa’aa kan of keessatti hammatuudha.
Gama Badhaadhina siyaasaatiin guddina aadaa demokiraasitiif dhaabbilee barbaachisoo ta’an ijaarudhaan, bilisummaa, wal-qixxummaa fi kan tokkummaan biyyoolessaa keessatti mirkanaa’ee, Itiyoophiyaa federaalawaa fi demokraatawaa taate bu’uura cimaa irratti ijaaruu jechuu dha.
Badhaadhina hawaasummaa yoo jennu ammoo aadaa uummataa, sonaa fi duudhaalee uummata keessa jiran gabbisuudhan dhaloota naamusa gaariin ijaarraman horachuu, lammiilee qaamaa fi xiin-sammuun badhaadhe horachuu, hawaasa rakkoo hawaasummaa hamaa irraa bilisa ta’e ijaaruu fi uummata jidduutti nagaa waaraa buusudhaan badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu akka ta'e hubachuun barbaachisaa dha.