Koochoo Dubartoota P/B/A/D/Harawaaየዳዌ ሀረዋ ዋረዳ ብ/ፓርት ሴቶች ክንፍ

  • Home
  • Ethiopia
  • Kemise
  • Koochoo Dubartoota P/B/A/D/Harawaaየዳዌ ሀረዋ ዋረዳ ብ/ፓርት ሴቶች ክንፍ

Koochoo Dubartoota P/B/A/D/Harawaaየዳዌ ሀረዋ ዋረዳ ብ/ፓርት ሴቶች  ክንፍ Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Koochoo Dubartoota P/B/A/D/Harawaaየዳዌ ሀረዋ ዋረዳ ብ/ፓርት ሴቶች ክንፍ, Women's clothes shop, Dawe, Kemise.

Gaarummaan olka'iinsa biyyaaf?Qaammee 2 olka'iinsa biyyaafQaammee 2koochoo dubartoota Aanaa Dawwee harawaaBulchiinsa god...
07/09/2026

Gaarummaan olka'iinsa biyyaaf?

Qaammee 2 olka'iinsa biyyaaf

Qaammee 2koochoo dubartoota Aanaa Dawwee harawaa

Bulchiinsa godina saba Oromoo Aanaa dawwee harawaatti qindeessummaa waajjiira koochoo dubartootan gurmileen Dubartoota mooraa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa duulli qulqullinaa tasifameera.

Tajaajilli lammummaa olka'iinsa biyyaaf Qamoolee harka qalleeyyii fi deeggaarsa hin qabneef ijaarsa manaa taasisuuf hoji...
04/09/2026

Tajaajilli lammummaa olka'iinsa biyyaaf
Qamoolee harka qalleeyyii fi deeggaarsa hin qabneef ijaarsa manaa taasisuuf hojiin qindahaan hojjetameera.

Aanaa Dawwee Harawaatti Manni Maree Aanaa Dawwee Harawaa Jiraattuu Ganda Dinkiyyee Gooxii Gaddaammaa kan taate Aadde guyyaa har'aa Meeshaalee ijaarsa manaatiif oolan Qorqoorroo fi Mismaarii deeggarsa taasisuun sirna wal harkaa fuudhiinsaa taasiseera.

BULCHINSA SABA OROMOO A/D/Harawaatti w/Dhi/Du/Dar/hawaasummaa guyyaa Ayyaana Dargaggoota sadarkaa Addunyaati yeroo 26ffa...
03/09/2026

BULCHINSA SABA OROMOO A/D/Harawaatti w/Dhi/Du/Dar/hawaasummaa guyyaa Ayyaana Dargaggoota sadarkaa Addunyaati yeroo 26ffaa akkaa biyyaatyi yeroo 25ffaa mata duree "beekumsa dargaaggoota gara mul'aata waliinitti "jedhuun kabajamaa jira።

በ ኦ/ብ/ዞን አስተዳደር የደዌ ሀረዋ ወረዳ ሴ/ወጣቶችና ማህበራዊ ጉዳይ ጽ/ቤት በ አለም ለ 26ኛ ጊዜ እንደ ሀገር ለ25ኛ ጊዜ ብዝሀ የወጣቶች እውቀትን ለጋራ ትልም"በሚል መሪ ቃል እየተካሄደ ይገኛል ።

🏅እንኳን ደስ አለን አላችሁ🏅ይገባሻል ፋጡሚ  ኦሮሞ ብሔረሰብ  ዞን አስተዳደር ሴቶች ክንፍ ቅ/ጽ/ቤት በአማሪ ክልል የብልጽግና ፓርቲ ሴቶች ክንፍ ቅ/ጽ/ቤት በ2018 ዓ.ም ያቀዳቸውን መደበ...
02/09/2026

🏅እንኳን ደስ አለን አላችሁ🏅

ይገባሻል ፋጡሚ ኦሮሞ ብሔረሰብ ዞን አስተዳደር ሴቶች ክንፍ ቅ/ጽ/ቤት በአማሪ ክልል የብልጽግና ፓርቲ ሴቶች ክንፍ ቅ/ጽ/ቤት በ2018 ዓ.ም ያቀዳቸውን መደበኛና ወቅታዊ የፖለቲካና የልማት ግቦችን በማሳካት ሂደት ዛን አስተዳደሩ ባስመዘገበው የላቀ አፈጻጸም 3ኝ ደረጃ በመውጣቱ ላሳየው ከፍተኛ የስራ ትጋትና የአመራር ቁርጠኝነት ይህ የምስክር ወረቀት ና pc Computer ተሰጥቷል፡፡

እንኳን ደስ አላችሁ🏅🏅🏅

Yaaddoo Balaa Waraana Alaa fi Finxaalessummaa Keessoo Fashaleessuun, Nagaa fi Misooma Waaraa Ni Mirkaneessina!Godina Sab...
25/08/2026

Yaaddoo Balaa Waraana Alaa fi Finxaalessummaa Keessoo Fashaleessuun, Nagaa fi Misooma Waaraa Ni Mirkaneessina!

Godina Saba Oromoo Aanaa Dawwee Harawaatti Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Aanaa Dawwee Harawaa dhaadannoo “Yaaddoo Balaa Waraana Alaa fi Finxaalessummaa Keessoo Fashaleessuun, Nagaa fi Misooma Waaraa Ni Mirkaneessina!” jedhuun waltajjii marii Dargaggootaa fi Dubartootaa waliin gaggeesseera.

Waltajjii kanarratti Addee Lubabaa Ahmad Itti Gaafatamtuu Waajjira dhimmaa Dubartootaa, Daa’imman, Dargaggootaa fi Hawaasummaa Aanaa Dawwee Harawaa, sanada waltajjii dhiyeessuun, dhimma nageenyaa, misoomaa, hirmaannaa hawaasaa fi gahee Dargaggootaa fi Dubartootaa irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.

Marii kanarratti Addee Faxumaa Yasuuf Itti Gaafatamtuu Koochoo Dubartootaa Godina Saba Oromoo Addee Faxumaa Aliyyii Itti Gaafatamtuu Damee Gurmaa’inaa Aanaa Dawwee Harawaa akkasumas Addee Lubabaa Ahmad, Itti Gaafatamtuu Waajjira dhimmaa Dubartootaa, Daa’imman, Dargaggootaa fi Hawaasummaa Aanaa Dawwee Harawaa argamuun Marisiisaniiru.

Waltajjiin kun gahee Dargaggootaa fi Dubartootaa nageenya waaraa mirkaneessuu, finxaalessummaa fi yaaddoo nageenyaa ittisuu, akkasumas misooma waaraa keessatti hirmaannaa isaanii cimsuu irratti xiyyeeffannoo addaa kan kenneedha.

Nageenyi bu’uura misoomaati!
Hirmaannaan Dargaggootaa fi Dubartootaa humna jijjiiramaati!
Nagaa fi Misooma Waaraa Haa Mirkaneessinu!

Kaanseerii Fiixee Gadameessaa Ittisuun Fayyummaa Haadholii Mirkaneessuun Dhimma Murteessaadha, Dhukkuboota Kaanserii Fii...
24/08/2026

Kaanseerii Fiixee Gadameessaa Ittisuun Fayyummaa Haadholii Mirkaneessuun Dhimma Murteessaadha, Dhukkuboota Kaanserii Fiixee Gadameessaa Irrattii Hojii Hubannoo Uumuu fi Qorannoon Taasiifamaa Jira.

Hagayya 18/2018 Koochoo dubartoota /A/D/Harawaa.

Bulchiinsa saba oromoo aanaa dawwee harawaatti dhukkuboota Kaanseerii fiixee gadameessaa irratti hojiin hubannoo uumuu fi qorannoo dhukkubichaa taasiisuu qopheessummaa waajjira fayyaa fi Koochoo dubaartootaan bakka Obbo Rijaan Birhaanuu I.A I.G Waajjira fayyaa, addee Zahaaraa Nuuruu I.G Waajjira koochoo dubartoota, Obbo Shambaal Mohammad I.G buufata fayyaa magaalaa booraa fi Ogeessoonni fayyaa argamanitti geggeeffamaa Jira.

Watajjii Kana Irratti hojiin hubannoo Uumuu Dubartootaaf ogeessoota buufata fayyaa magaalaa booraa hubannoo bal'aa kennaa jiru.

Dubartoonni dhukkuba Kaanseerii fiixee gadameessaa akka hin midhaamneef hojii hubannoo uumuuf qorannoo taasiifamuu Kanaan dubartoonniis fayyummaa isaanii eegachuu fi mirkaneeffachuuf qorannoo taasiisuu qabuu, qorannoon Kunis tolaan waan Kennamuuf dubartoonnis fedhii isaanii fayyummaa isaanii mirkaneeffachuu qabu.

Waajjirri Nageenyaa fi Tika Ummataa Aanaa Dawwee Harawaa Dhaabbata Deeggarsa UNDP/Psf Waliin Ta'uun Koreewwan Nageenyaa ...
19/08/2026

Waajjirri Nageenyaa fi Tika Ummataa Aanaa Dawwee Harawaa Dhaabbata Deeggarsa UNDP/Psf Waliin Ta'uun Koreewwan Nageenyaa Dubartootaaf Leenjii Kennuu Eegale.

Hagayya 13 /2018

Bulchiinsa saba oromoo aanaa dawwee harawaatti leenjiin koreewwan nageenyaa dubartootaaf haala leenjii hoggansaa fi bulchiinsa hojii dhaabbataa cimsuuf sirna qindeessaa fi Kuusaa sanadootaa foyyeessuuf akkasumas sirna gabaasa keessatti caasaa mootummaa dhimmi Ilaallatuuf dhiyeessuu Cimsuuf leenjiin hubannoo uumuu guyyoota sadiif kennaamuu guyyaa har'aa kennamuu eegale Jira.

Leenjii Kan Irratti Obbo Abduu Mohammad Usmaan I.A Bulchaa fi I.G waajjira nageenyaa fi tika ummataa aanaa dawwee harawaa ergaa baga nagaan dhuftanii fi haasaa baniinsa taasiisanii akka jedhanitti nageenyaa waaraa mirkaneessuu keessatti ga'ee dubartoota olaanaadha. Kanaaf leenjiin kun koreewwan nageenyaa dubartootaaf haala nageenya irratti hubannoo bal'aan uumuun caalatti nageenyaa waaressuuf akka hojjetaniif kennamaa jira jedhan.

Kanaaf caasaaleen asitti argamtan kun nageenyaa waaressuuf imaana dhaabbanni kun nuti kennaa jiru nutis dabarsiinee isinitti kennaa jiru kanaa waliin taanee galmaa barbaadamuun ga'uuf hojjechuu qabduu hojjechuu qabna jedhaniiru.

Itti Aansuun Obbo Bashaadaa Birruu Ogeessa Qajeelcha nageenyaa bulchiinsa saba oromoon leenjiin kun kennamaa kan jiruudha.

Mariin Dhimma Nageenyaafi haala yeroo irraatti Xiyyeeffate Dubartoota Ganda Burraaqsa Waliin Geggeeffame.Hagayya 12/2018...
18/08/2026

Mariin Dhimma Nageenyaafi haala yeroo irraatti Xiyyeeffate Dubartoota Ganda Burraaqsa Waliin Geggeeffame.

Hagayya 12/2018 Koochoo Dubartoota Aanaa Dawwee Harawaa.

Bulchiinsa saba oromoo aanaa dawwee harawaatti mariin dhimma nageenyaa fi misoomaa akkasumas gurmiilee Dubartootaa Cimsuu irratti xiyyeeffate Dubartoota Ganda Burraaqsa waliin hirmaannaa ho'aa ta'een adeemsifamee jira.

Guyyaa 12/12/2018 Bulchiinsa Aanaa Dawwee harawaa Ganda Wacaqaatti  Wal Tajjii Dubartootaa Haala Yeroofi Nageenyaa mara ...
18/08/2026

Guyyaa 12/12/2018
Bulchiinsa Aanaa Dawwee harawaa Ganda Wacaqaatti Wal Tajjii Dubartootaa Haala Yeroofi Nageenyaa mara duree Nageenya waaraafvgahee Dubaartoita jedhuu Irratti Mariin Adeemsifamee Jira

Address

Dawe
Kemise

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Koochoo Dubartoota P/B/A/D/Harawaaየዳዌ ሀረዋ ዋረዳ ብ/ፓርት ሴቶች ክንፍ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share