Seenaa Fuad

Seenaa Fuad Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Seenaa Fuad, Baby & children's clothing store, Baalee, Robe.

20/10/2023

š‘²š’‚š’“š’š’š’“š’“š’Š š‘æš’Šš’Šš’’š’Šš’Š š‘“š’‚š’‚š’š’Š?

Namoota dhuunfaatii hanga maatiitti, dhaabbilee gurguddoodhaa hanga biyyaatti karooraan hogganamuufi hojjechuun bal’inaan baratamaa dhufeera. Karooraan hogganamuun hojii hojjetan adda baasanii beekuu, yeroofi leeccallootti sirnaan fayyadamuuf, milkaa’inaafi galma ga’insa hojii tokkoo keessatti gumaacha guddaa qaba.

Hayyoonni maalummaa karooraa karaa garaagaraatiin hiika itti kennu. Karoorri hojii tokkoof adeemsa kaayyoofi galma ifa ta’e kaa’uun galma ga’insa hojichaaf leeccalloo barbaachisu ramaduufi tarkaanfiiwwan/hojiiwwan walduraa duubaan hojjetaman/fudhataman murteessuudha. Karoorri adeemsa yaada toora tooraan ykn walduraa duubaan gara gochaatti jijjiiruuti warri jedhanis jiru. Karoorri yaadarraa madda jechuudha.

Yeroo ammaa karoora adeemsa qofaan osoo hin taane bu’aa qabatamaan madaaluun bal’inaan hojiirra oolaa jira. Qophii karooraa keessatti sababoota keessaafi alaa galma ga’insa hojichaarratti dhiibbaa fiduu danda’an adda baasuun dhimma baay’ee murteessaadha. Karoorri gosa garaagaraa kan qabu yoo ta’u, karoorri tarsima’aa, karoorri taaktikaa, karoorri hojiifi karoorri hojii addaa ykn karoorri yeroo gabaabaa, yeroo giddugaleessaafi yeroo dheeraa warra bal’inaan beekamaniifi sadarkaa garaagaraatti hojiirra oolanidha.

Akka waliigalaatti, karoorri kaayyoofi galma ifa ta’eefi bira ga’amuu danda’u kan qabu, hojiiwwan tartiibaan hojjetaman adda kan baasu, leeccalloo, carraa gaariifi sodaa jiru kan adda baasuufi sodaa jiruuf kallattii furmaataa kan kaa’u, sirna deggersaafi hordoffii kan qabu, dhimmamtoota galma ifa ta’e tokkoof kan sochoosu, bu’aa fiduun madaalamuu kan danda’u ta’uu qaba.

Biyya keenyattis guddina hawaas-dinagdee mirkaneessuuf karoora waggaarraa eegalee hanga waggaa kudhaniitti qopheessuun erga eegalamee bubbuleera. Karoora guddina dinagdeefi hawaasummaa qopheessuun kan bubbule ta’us ummata biyya keenyaa hiyyummaa keessaa baasuun walqabatee hanga yaadame bu’aa fiduu hin dandeenye. Kanaafis, dhimmoonni akka sababaatti eeramuu danda’an hedduu ta’anis gama tokkoon karoorri qophaa’aa ture haala ummataa, qabeenya uumamaa biyyattiin qabdu, gama biraan ammoo hojiirra oolmaasaa bu’aan madaaluu giddugaleessa kan godhate ta’uu dhabuudha.

Jijjiiramaan asitti mootummaan haala kana hundeerraa hubachuun karoora haala qabatamaa biyyaafi ummataa, sadarkaa hiyyummaafi fedhii misoomaafi guddinaa ummata biyya keenyaa, carraafi yaaddoo biyya keessaafi haala qabatamaa addunyaa yeroo ammaa giddugaleessa godhachuun ā€˜Karoora Imala Badhaadhinaa’ waggaa kudhanii qopheessuun hojiirra oolchaa jira. Karoorri kun guddina biyya keenyaatiif qaama alaa ykn deggersa alaa sadarkaa duraarra kaa’uun osoo hin taane carraa gaggaarii biyyi keenya qabdutti fayyadamuun badhaadhina biyyaa mirkaneessuu galma ykn filannoo isa jalqabaa kan taasifatedha. Kana jechuun deeggartoota misoomaa sadarkaa adda addaatti jiran waliin hin hojjetamu jechuu akka hin taane hubatamuu qaba.

Naannoon Oromiyaas dinagdee uummata naannichaa guddisuufi badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf carraa gaarii naannichi qabu adda baasuufi humnoota waloo naannicha keessa jiran qindeessuun Karoora Imala Badhaadhina akka biyyaatti qabame giddugaleessa godhachuun Karoora Imala Badhaadhinaa Waggaa Kudhaniifi Shanii qopheessuun hojii keessa galee jira. Karoorri kun wantoota lama bu’uura taasifatee kan qophaa’e yoo ta’u isaanis: Tokkoffaan, gaaffii misoomaa uummataa yeroo dheeraaf kuufamaa tureefi fedhii amma jiru deebisuu; 2ffaan, qabeenya uumamaafi carraa gaarii naannicha keessa jiru adda baasuun duguuganii hojiirra oolchuun badhaadhina dhugoomsuudha.

Karoora Tarsimaa’aa waggaa 5fi 10 irraas karoora waggaa qopheessuun gara hojiitti hiikamaa kan jiru yoo ta’u raawwii isaairratti hundaa’uun milkaa’inoonni galmaa’aniifi hanqinoonni mul’atan yeroo yeroon qoratamaafi madaalamaa deemaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora bara 2016 ā€˜Karoora Xiiqii’ jechuun moggaasee jira. Karoora Xiiqii jechuun maali? Maaliif barbaachise? Qabeentaansaa hoo maali? kan jedhu itti aansinee ilaalla.
Kutaan 2ffaan itti fufa…

01/10/2023
01/10/2023

Address

Baalee
Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Seenaa Fuad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share