20/10/2023
š²ššššššš šæššššš š“šššš?
Namoota dhuunfaatii hanga maatiitti, dhaabbilee gurguddoodhaa hanga biyyaatti karooraan hogganamuufi hojjechuun balāinaan baratamaa dhufeera. Karooraan hogganamuun hojii hojjetan adda baasanii beekuu, yeroofi leeccallootti sirnaan fayyadamuuf, milkaaāinaafi galma gaāinsa hojii tokkoo keessatti gumaacha guddaa qaba.
Hayyoonni maalummaa karooraa karaa garaagaraatiin hiika itti kennu. Karoorri hojii tokkoof adeemsa kaayyoofi galma ifa taāe kaaāuun galma gaāinsa hojichaaf leeccalloo barbaachisu ramaduufi tarkaanfiiwwan/hojiiwwan walduraa duubaan hojjetaman/fudhataman murteessuudha. Karoorri adeemsa yaada toora tooraan ykn walduraa duubaan gara gochaatti jijjiiruuti warri jedhanis jiru. Karoorri yaadarraa madda jechuudha.
Yeroo ammaa karoora adeemsa qofaan osoo hin taane buāaa qabatamaan madaaluun balāinaan hojiirra oolaa jira. Qophii karooraa keessatti sababoota keessaafi alaa galma gaāinsa hojichaarratti dhiibbaa fiduu dandaāan adda baasuun dhimma baayāee murteessaadha. Karoorri gosa garaagaraa kan qabu yoo taāu, karoorri tarsimaāaa, karoorri taaktikaa, karoorri hojiifi karoorri hojii addaa ykn karoorri yeroo gabaabaa, yeroo giddugaleessaafi yeroo dheeraa warra balāinaan beekamaniifi sadarkaa garaagaraatti hojiirra oolanidha.
Akka waliigalaatti, karoorri kaayyoofi galma ifa taāeefi bira gaāamuu dandaāu kan qabu, hojiiwwan tartiibaan hojjetaman adda kan baasu, leeccalloo, carraa gaariifi sodaa jiru kan adda baasuufi sodaa jiruuf kallattii furmaataa kan kaaāu, sirna deggersaafi hordoffii kan qabu, dhimmamtoota galma ifa taāe tokkoof kan sochoosu, buāaa fiduun madaalamuu kan dandaāu taāuu qaba.
Biyya keenyattis guddina hawaas-dinagdee mirkaneessuuf karoora waggaarraa eegalee hanga waggaa kudhaniitti qopheessuun erga eegalamee bubbuleera. Karoora guddina dinagdeefi hawaasummaa qopheessuun kan bubbule taāus ummata biyya keenyaa hiyyummaa keessaa baasuun walqabatee hanga yaadame buāaa fiduu hin dandeenye. Kanaafis, dhimmoonni akka sababaatti eeramuu dandaāan hedduu taāanis gama tokkoon karoorri qophaaāaa ture haala ummataa, qabeenya uumamaa biyyattiin qabdu, gama biraan ammoo hojiirra oolmaasaa buāaan madaaluu giddugaleessa kan godhate taāuu dhabuudha.
Jijjiiramaan asitti mootummaan haala kana hundeerraa hubachuun karoora haala qabatamaa biyyaafi ummataa, sadarkaa hiyyummaafi fedhii misoomaafi guddinaa ummata biyya keenyaa, carraafi yaaddoo biyya keessaafi haala qabatamaa addunyaa yeroo ammaa giddugaleessa godhachuun āKaroora Imala Badhaadhinaaā waggaa kudhanii qopheessuun hojiirra oolchaa jira. Karoorri kun guddina biyya keenyaatiif qaama alaa ykn deggersa alaa sadarkaa duraarra kaaāuun osoo hin taane carraa gaggaarii biyyi keenya qabdutti fayyadamuun badhaadhina biyyaa mirkaneessuu galma ykn filannoo isa jalqabaa kan taasifatedha. Kana jechuun deeggartoota misoomaa sadarkaa adda addaatti jiran waliin hin hojjetamu jechuu akka hin taane hubatamuu qaba.
Naannoon Oromiyaas dinagdee uummata naannichaa guddisuufi badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf carraa gaarii naannichi qabu adda baasuufi humnoota waloo naannicha keessa jiran qindeessuun Karoora Imala Badhaadhina akka biyyaatti qabame giddugaleessa godhachuun Karoora Imala Badhaadhinaa Waggaa Kudhaniifi Shanii qopheessuun hojii keessa galee jira. Karoorri kun wantoota lama buāuura taasifatee kan qophaaāe yoo taāu isaanis: Tokkoffaan, gaaffii misoomaa uummataa yeroo dheeraaf kuufamaa tureefi fedhii amma jiru deebisuu; 2ffaan, qabeenya uumamaafi carraa gaarii naannicha keessa jiru adda baasuun duguuganii hojiirra oolchuun badhaadhina dhugoomsuudha.
Karoora Tarsimaaāaa waggaa 5fi 10 irraas karoora waggaa qopheessuun gara hojiitti hiikamaa kan jiru yoo taāu raawwii isaairratti hundaaāuun milkaaāinoonni galmaaāaniifi hanqinoonni mulāatan yeroo yeroon qoratamaafi madaalamaa deemaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora bara 2016 āKaroora Xiiqiiā jechuun moggaasee jira. Karoora Xiiqii jechuun maali? Maaliif barbaachise? Qabeentaansaa hoo maali? kan jedhu itti aansinee ilaalla.
Kutaan 2ffaan itti fufaā¦