Gursum Tube

Gursum Tube Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gursum Tube, Design & Fashion, Australia, Melbourne Beach, FL.

08/26/2022
Yaada itti kennedhaa
08/20/2022

Yaada itti kennedhaa

02/17/2022
Gursum everyday!
05/13/2019

Gursum everyday!

foton asi gaditti laaltan kun jijjiraama harayoomsattin kan dhufe ifaa Anaa Gursumi
05/13/2019

foton asi gaditti laaltan kun jijjiraama harayoomsattin kan dhufe ifaa Anaa Gursumi

“via Sa'iid Alii sher godhaa hadaraa oromuumaa qamaa dhimii kun ilalaatuu biraan gahaa!! Rakoo kenyaa waaqaa malee enyuu...
10/11/2018

“via Sa'iid Alii sher godhaa hadaraa oromuumaa qamaa dhimii kun ilalaatuu biraan gahaa!! Rakoo kenyaa waaqaa malee enyuumtuu nuuf hin arguu 😢

Shamarran keenya gara biyyoota arabaatti erguun nurraa haa dhaabbatuu. yoo xiqqate ija lammiitiin haa ilaalmanuu nuuf haa yaadamuu mootummaan itoophiyaa yeroo hundaa biyyoota arabaatiin walii galee shamarranii fi dargaggoota keenya biyyarraa baasuuf ni ariifata garuu erga biyyaa nu baaseen booda itoophiyaas ta’ee mootummaan itoophiyaa du'af jiraa keenya quba nu hin qabu.
Mee warri biyyoota arabaa jirtan yoo rakkattanii dhimmaaf itoophiyaa dhaqxan itoophiyaa hammam isin keessummeessa ?
Dhugaa dubbachuuf taanan tola rabbiitin jiraanna malee wanti quba nu qabu tokoo hin jiru.
Bara 2016 ture namoonni sadii balaa konkolaataatiin du'anii mana yaalaa geeffaman isaan du'an keessaa namni lamaa iqaamaa waan qabaniif reeffii isaanii mana reeffaa akka taa'u manni yaala fudhate namni tokko garuu iqaamaa waan hin qabnef manni yaalaa ni dide achumaa itoophiyaa akka gargaaru gaafatan gargaarsi biraa hafes akka reeffii mucaa kana awwaalamuuf akka mootummaatti dhiibbaa godhan gaafatan jarri silas nyaattee dhugdee, baatee galuu malee dhimma keenya hin qabdu waanuma hojjachuuf Imbaasii san keessa kaawamteefu waan beektu hin fakkaattu "ka manni yaalaa isin dide nu maal haa goonuuf ree haa nyaannuf nutti fiddanii" jettee harkatti didde.
Haa ta’u homaa miti waa’ee reeffa isaa guutuu dubbadhee miira isin tuquu hin barbaadu asumarratti dhiisa.😢😢

Ka odoo karaa lafaatin dhufuuf deemu bishaan nyaatee irbaata qurxummii ta’ee hafe,kan odoo as dhufuuf deemu woraana yamaniitiin ajjeefame , kan karatti dallaalan ajjeefame meeqa yoo jedhame deebii isaa isinumaaf dhiisa.
Shamarran keenya kan Gamoo irraa darbamanii du'anii, kan arabni qarshii dhoorkattee yaadarraa maraatanii
fi kan achi buuteen isaanii dhabames
Waan laakka'amee dhumuu miti.
Keessatti wanti garaa nama nyaatus lammiileen itoophiyaa hojiin isaani hojjataniif qarshiin isaaniif kaffalamuu wal hin maadaaluu lammiilee biyya biraa kanneen akka fi kkf fa'i riyaala 1500 gadiin hin hojjatan lammiileen keenya garuu duraan 700 ture ammas 850 dha
Mootummaan itoophiyaa osoo rakkoo kana hin furin ammas lammiileen keenya hojiidhaaf akka bobba’an walgaltee xumuree jira kuni tasuma waan ta’uu miti. yookaa lammiileen biyyarraa bahan kuni ejensiidhan hordoffii cimaan akka godhamuuf gochuu fi mirga lammiilee kana akka eeggamu gochuu irratti dursa hojjachuu qaba ykn immoo waliigaltee kana haquudha.
Inumaayyuu seeronni amma hojitti hiikamuuf deeman heddu hamaadha isaan keessaa tokko lammiileen kuni bilbila harkaa akka hin bitanne,hin qabannee fi qarshii biyya erguu akka hin dandeenyes seera jedhutu bahe amma kuni mirga jedhamaa ree ?
Yeroo kanatti ilmi namaa akkamitti bilbila malee jiraata ?
Ilmi nama tokmo yoo qarshii hojjate san gara biyyaa ergee waayiin hin godhanne faayidaan inni hojjatuuf maaliidha ?

Nuti warri jireenya biyyoota kanneenji beeknu karaa dandeenyun waa 3 irratti dhiibbaa haa goonuu
1/ seerri haaran mirga lammiilee kanaa eegsisu mootummoota lameen giddutti mallattaa'ee akka bahuuf.
2/ gubata nuti gubanne kana dhaloonni nu booda as dhufee akka dhandhamuuf cal jannee ilaaluu osoo hin taane dhaloota kana gubatarraa bararuu qabna.
3/ itoophiyaa hordoffii cimaa akka lammiilee kanaaf taasisaniif.” Via inbox

10/11/2018

Dubbiii harraa tana Dr. Abiyyi akka salphatti bira dabarraan
4kiiloon abbaaa qabdi akka sabatti mala malachuutu fala.
Lakk.waraanaa Masaraa Mootummaa gaafii qaban dhiheeffachuuf dhaqee 240 akka VOAn afaan Amaaraa himaa jirutti,wanni guyyaa ja'ames dhugaadha.
Hanga gaafiin isaanii hin baraminitti Komaandoo Oromiyaatu yaamamee eegaa ture,eegasi ammoo hiikkachiisee sirritti ajjabee ol naqe,
Eega gaafiin gaafii daballii miindaatii fi k.k.f ta'e saa'atuma wal fakkaatatti waraanni Dhaabbata Miidiyaa Biyyooleeysaa biraa maal barbaada.
Adeemsa hojmaata hojii Mootummaa keessatti hoo,wanni akkanaa biyya tam jirti jettan mee ?
Lakkoofsi waraana achi dhaqee waan barbaade godhuu ni dandaha ture.
Kanaaf haroomsa keessatti sirritti tarkkaanfii sirreeffamaa fudhachuun 4 kiiloo baraaruudha.
Dabalataanis nagaaf yoo deeman odeeffannoon waraanni gaafiif gama Masara Mootummatti dhufaa akka jiran ibsituu fi 4Kiiloo qopheeysitu gara humna basaasaa fi caasaa waraana biyyattiitiin dursitee dhaqabuu dhabdeen gaafii guddaa tahu qaba.
Waan kana bu'urarraa sirreeysuuf Caasaa Bideeruu ykn Basaaasa biyyatti ka tortoree hojii dhaabee ta'a jiru sirreeysuu fi itti gaafatamummaa duubarraan fiduun waan hojii isaanii saffaraniifi namoota hojii wal fakkaataa irratti bobahaan barsiisuudha.
Akka salphatti laaluun ijifannoo Sabaa irratti qoosuudha.

10/11/2018

WORRA OBN KIJIBA tokko tokko eegalanii jiran dubbii keessan qulqulleffadha

10/10/2018

Galata Addaa.....Baayyee Galatoomaa
===============================
Guyyaa har'aa taateen naannoo 4 Kiilootti muudate akkuma eegaleen battalatti kan achi gahan Poolisii Kora Bittinneessaa Oromiyaa waajjira ODP Giddu galeessaa keessa qubatanii eegumsa gaggeessanu dha.Dhugaa Waaqaa lammii kootti akka har'aa gammadee hin beeku.Imimmaantu ija na guute yeroon kana barreessu.
Agartanii lammiin lammiif hangam akka quuqamee yeroo rakkoo walii qaqqabu.
Aboo Baayyee baayyee galatoomaa boriif iyyuu sirriitti wal abdanneerra.Warri siviliin turan illee battalumatti hucuu jijjiirratanii achi gahan namni muraasni achitti hanbisamee.Woow akkamiin galata keessan ibsina laata lammii koo???

Address

Australia
Melbourne Beach, FL
FUADEE

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gursum Tube posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share